Ibsa Sababa Hundeeffamuu JWBOW / GOOLA - ifatti /Officially
top of page

Ibsa Sababa Hundeeffamuu JWBOW / GOOLA - ifatti /Officially

Ibsa waliigalaa: - Qindoomina siviliifi WBO fi hojimaatni itti gaafatamummaa ifatti dhibuu,
- Yakkootni garaagaraa maqaa WBO tiin raawwatamaa akka jiran waan mirkanaaheefi raawwatamuuf karoorfamaa jiraachuun waan hubatameef,
- Walabummaa fi birmadummaan ummata Oromoo fi Oromiyaa rakkinaaf saaxilamuu fi gaafatamummaan dhibuu,
- Aarsaa fi injifannoo WBOn diinota isaarratti galmeessaa jiru itti gaafatamummaa ifatti waan barbaaduuf.

Qinddomina WBO fi sivilii jidduutti uumuun waan barbaachisaa ta'eef

•        WBOn sababa hin beekamneen itti waamama isaa duraanii Dhaaba Siyaasaa (Adda Bilisummaa Oromoo –ABO)  irraa addaan bahuun hanga hundeeffama Jaarmiyaa  kanaa Amajjii 1, 2023tti turuun hundeeffama Jaarmiyaan WBO waligalaatiif sababoota keessaa isa tokkodha

•         Hanqina bulchiinsaa ifatti fi hooggana tarsiimoo waliigalaa karoorsuu, qindeessuu fi dhiheessii loojistiksii barbaachisaa WBO'f qindeessee akkaataa barbaachisummaa isaattii fi yeroo isaa eeggate argachuu dhabuurraan kan ka’e rakkinoota adda addaatiif saaxilamaa waan turee fi fuulduratti hanqinichi akka hin mudanneef, haalli kun Waraana Bilisummaa Oromoo waan yaaddesseef furmaata argamsiisuuf akka hundeeffamu barbaachise.

•        Sababa hanqina bulchiinsa Idilee Ifatti /Officailly / dhabuun aarsaa hin malle kan akka moggaasa jibbiinsaa fi golgaa qaamotni garaagaraa yakka ittiin dalaganii fedhii isaanii guuttatan waan uumameef rakkoo kana hanqisuuf.

•         Maqa balleessii fi qaamotni garagaraa maqaa isaa golgaa godhachuun yakkoota idilee kan akka ajjeechaa, saamicha, doorsisa fi hookkora waraanaa tahe jedhamee sabotejii /shira/  dalagamaa turan akkasumas yakkoota al-idilee suukanneessaa qaamotni idilee fi alidilee bulchiinsa RFDI fi Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaan qindeeffamanii raawataa jiran ifatti saaxiluun barbaachisaa waan tahaniif.

•        Ajjechaa siyaasaa, ajjeechaaa eenyummaa Sabaa fi Malaamaltummaan qabenya waloo dhunafachuun WBO yakkamaa godhamee hawaasaaf dhiheffamaa jiraniin walqabatee dhugaa jiru ifa baasuuf.

•         Hanqina uwwisa sabaahimaalee mirkaneessee haalota walfalmsiisoo tahan irratti ofirraa qolachuun waan barbaachisaa yeroon gaafatu waan ta`eef.

•        WBO aarsaa fi wareegama lubbuu itti kaffaluun injifannoo culuuluqaa galmeessaa jiruuf itti gaafatamummaa ifattii fudhachuun qaamota dhimmi ilaallatuuf ifatti ifoomsuun barbaachisa waan taheef.

•        Sadrkaa olaanaatti dhimmoota siviilii biyya keessaa fi biyya alaa, dhimmoota namoomaa, fi waa`ee WBO quba qabaannaa fi hubannoo sirriin uumamee akka mirkanaahuuf.

•        Qaamota /caasaa WBO sivilii dhimmoota adda addaa irratti dirqama bahataa jiran gurmaa'insa tokko jalatti ajaja/hooggansa kallattii akeekuu fi qindeessuu ifatti kan yeroo fi haalli waliigalaa gaafatu tahee waan mul'ateef.

•        Hojiileen ifatti hojjetamuu,`WBO idilee fakkaataa` diinaan gurmeeffame saaxiluu, gurmaa'insa WBO sadarkaa ga'umsaa fi qindoomina isaa ifoomsuu, Naannoo Oromiyaatti onoota to'annoo bulchiinsa murna mootummaa ofiin jedhan jalaa bilisa bahan itti gaafatamummaa fudhachuun dhimma dirqamaa malee barbaachisaa qofa waan hin taaneef qaama ifatti socho'ee dhimmoota sababa tahan kana mirkaneessu ifatti gurmeessuun murteeffame.

Yakkoota garaagaraa Maqaa WBOn Dalagaman

•        Yakka saamichaa, ajjechaa, shorkoessummaa garaagaraa sabaaf sablmoota irratti, caasaa siviilii hojjetoota Naannoo Oromiyaa, lammiilee biyya Oromaa irratti doorsiisaa fi kaffaltii gibiraa alseerummaa fi bitanii garadabrsuun maallaqa miliyoonaan gaafatanii fudhachuu fi walumaagala yakka qinda’aa siyaasaa, hawaasummaa, sabummaa fi kan kana fakkaatan murni RFDE'tti bulchiinsa ofiin jedhu raawwataa jiru kana saaxiluu fi isa sichi tahu hanqinsuu fi qaamota dhimmi kun ilaallatuuf dammaqiinsaa fi hubannoo ifatti kennuun barbaachisaa waan taheef Jaarmiyaa WBO Waliigalaa ifatti hundeeffamuuf sababoota keessaa muraasadha.

 

   Birmadummaa daangaa Oromiyaa cabuu hordofee aarsaa WBOn baasaa jiru

•        Sababa hundeeffamuu Jaarmiyaa WBO Waliigalaatiif tahan keessa muraasni balaa guddaa Naannoon Oromiyaa karaa siyaasaa, diingdee, nageenyaa fi birmadummaa isheen walqabatan qaamota dhimmi ilaallatuu fi lammiilee Oromiyaa, akkasumas uummata Oromootiif odeeffannoo dhugaa kanaan walqabatu ifatti qindeessanii dhiheessuun dirqama itti gaafatamummaa WBO tahuun isaa ajajoota WBO biratti waan ifa galaa tahaniif furmaatni JWBOW kun murteeffame.

Ibsa Sababa Hundeeffamuu JWBOW / GOOLA - ifatti /Officially
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page