Ergaa Qindeessaa Waliigalaa
Haroo Lakkuu Ifaa Irraa
To`ataa hojimaata waliigalaa fi Gargaaraa Barreessaa jaarmiyaa WBO waliigalaa .
irraa​
• Haroo Lakkuu Ifaa Irraa ;
• Qaama dhimmi WBO ilaallatuutiif;
Karoora waliigalaa Tarsiimoo Waraanaa fi Siviilii Ajejaa(Hooggansa) Jaarmiyaa WBO waliigalaatiin hojiilee ifattii dhimmoota waliigalaa kan Namoomaa,hariiroo siviilii kan biyya keessoo fi biyya alaa gurmaa'insa caasaa,gita hojii fi itti gaafatamummaa WBO
qabu raggaasise keessaa mata duree 16n jalatti qabiyyee Muraasa dhimmoota addaa addaa/haalota wal hin faakkaanne ykn ergaa garaagaraa dabarsan:waa’ee
muraasa damee WBO idilee duraanii turtii yeroo idilee addaa,qoqqoodama hojii WBO idilee duraanii fi waa’ee jaarmiyaa WBO waliigalaa ifatti ibsan bu’uuraa akkaataa
barbaachisummaa fi qabiyyeen mata duree haala yerootiin walsimaniidha. mata duree jalatti qabiyyeen isaanii hubannoo bu’uuraa dhimmoota walfalmsiisoo fi
sababa maqaa WBO yakkooti suukanneessaan raawatamaa turan muraasa,Hawaasa yakkoota shororkeessummaa garaagaraa diinotnii mooraa Abdii Walabummaa qindeessanii ofii raawwatani WBO gaafatamummaa fudhachiisan walqabatan
hordofee saba himaalee garaagaraatiin gabaafaman qaamota haqa(dhugaa)baruuf fedhii qabniif ka'umsa iyyaafannaa isaaniitiif dhaabbii jalqabaa muraasa;
qabiyyeen isaanii haalota Nageenyii waaraa waliigalaa guutummaa guutuutti boora'ee sadarkaa baayyee baayyee akkaan yaaddessaa irra gahee jiru hordofee bakka maratti murni bulchiinsaa Itiyoophiyaa gaafatama alkallattiin WBO fudhachisuu hordofee ajandaa walfalmsiisaa sadarkaa addunyaatti tahanii jiraniitiif walqabatee ajjennoo WBO muraasa calaqqisiisan.
Mata duree;Ibsa waliigalaa(duuchaatti) Gurmaa'iinsa Caasaa idilee ifattii Damee WBO duraanii jalatti maqaa ajajootaa fi qondaalota WBO duraanii ibsuun seen-duubee waliigalaa ibsuun barbaachisaa tahee waan mul'ateefidha.Miseensotni WBO idilee duraanii maqaan isaani tarrifame kallattiinis ta'e alkallattiin gurmaa'iinsa caasaa Jaarmiyaa WBO ifattii keessa akka hinjirre ergaa dabarsina.Akkasumas mata duree ibsa turtii yeroo idilee addaa jalatti ibsaman karoora waliigalaa murni kun qindeesse kan ibsuudha malee facaatiin(tokkoon tokkoon) qaamota qindoominaa,humnoota yakka idilee,yakka shororkeesummaa fi sabotejii garaagaraa
hawaasa siviilii irratti raawwatan akkasumas humnoota garagaraa koonyaalee Oromiyaa keessatti WBO idilee fakkaatee sosso'ee yakka nageenya waaraa waliigalaa booressan ibsu miti.
Ajejaa(Hooggansi)Jaarmiyaa WBO waliigalaa turtii yeroo idilee addaa keessatti miseensotni fi
deeggartootni ABO,mooraa qabsoo bilisummaa ala jiran addatti tinnisa garaagaraa gumaachaniif Galataa galchuu fi kabajaa isaaniif qabu dhaammatee Roogeeyyii sab-quunnamtii hawaasaa irrattii fi hayyoota(qabsaa'ota siviilii),dhaabbilee garaagaraa keessa jirtan yakka maqaa WBOn dalagaman,maqaa ballessii lafa nuti hin jirretti diinnii nurratti qindeessee (propoganda)hojjetataa
jiruu/ture nurraa qolattan,abukaattoo nuuf taatan galatni keessan bilisummaa uummata Oromoo haa tahu. Hawaasa Oromoo kallattiinis tahe alkallattiin(ifatti hin taaneen) dhiheessii barbaachisaa fi deggersa waliigalaa nuuf gumaachaa turtan,ilmaan Oromoo murna maafiyaa kanaan adamsamaa kaan ammoo bobaa isaa jala teessani odeeffanonoo istiraateejii nuuf qoodaa turtan galatni keessan bilisummaa haa tahu;
Qaamota seera dhorkaa Nageenya waaraa waliigalaa WBO akka mirkanahuuf tooftaa fi tarsiimoo
WBO mirkaneessitan aarsaa isin baaftan olaantummaa Abdii Walabummaatiif haa oolu.
Haroo Lakkuu Ifaa
To’ataa hojimaata waliigalaa fi Gargaaraa Barreessaa Jaarmiyaa WBO waliigalaa .
Ibsa waliigalaa - Jaarmiyaa WBO waliigalaatti Teessoo Marsariitii Interneetaa fi sabquunnamtii hawaasaa [ Media Elektirooniksii ] idilee ifattii
1. Maqaa Arraata /Marsariitii Internetaa Jaarmiyaa WBO Waliigalaa
-
Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa WBO Waliigalaa (EBO-JWBOW)
2. Maqaa Sabquunnamtii hawaasaa Jaarmiyaa WBO Waliigalaa
-
Jaarmiyaa-WBO/OLA
3. Tartiiba Gurmaa'insa Caasaa Damee Miidiyaa dijitaalii
-
Sadarkaa Bilchiinsaa Kallattii
4. Ibsa Hojii waliigalaa Miidiyaa Elektironiksii jaarmiyaa WBO waliigalaa
-
Hojii waliigalaa Kutaa Hariiroo fi quunnamtii hawaasaa waliigalaatti Damee Miidiyaa Elektirooniksii Karaa mala ergaa dabarsii Dijitaalaa Interneetiitiin dhimmoota Hooggansi Sadarkaa Hooggansa Olaanaatti akka ifoomu/dabarfamu murteessan ogummaa hojii miidiyaan qindeessee karaa marsariitii E.B.O.Jaarmiyaa WBO Waliigalaa fi fuula sabaquunnamtii hawaasaatiin gabaasuu, ergaa karaa miidiyaa dijitaaliin Jaarmiyaa WBO Waliigalaaf ergaman qindeessee Hoogganaa Hariiroo waliigalaatiif dhiheessuu, waa'ee WBO waliigalaa afaanota garagaraatiin akkaataa barbaachisummaa isaatti Afaan Oromoo irraa gara afaan barbaadameetti hiikee qaqqabsiisuu, gaazexaa dijitaalii torbanii, ji`aa qopheessee maxansuu ....