top of page
Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa

Ejjennoo, Safuu fi duudhaa mooraa Faajjii walabummaa Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa fi Ajejaa/Hoogganaa 
Jaarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa .
General Organization of the Oromo Liberation Army (OLA) 

Jaarmiyaa waraana Bilisummaa Oromoo waliigalaa ifatti  / General Organization of the Oromo Liberation Army /Officially

Ummatni Oromoo baayyina kan qabu;qubsuma lafaa bakkoota adda addaatti kan

argamu ykn jiraatu tahee gaaffin Oromoo gaaffii mirga Olaanaa abbaa biyyummaa isaa deebisee

goonfachuudha.Akkasumas kallattii garagaraatiin ykn akkaataa gurmaa’uu fi qabsaa’uun isaa

mijatuutti of qindeessee qabsa'aa turee fi kan qabsa’aas jiruudha. Mooraan qabsoo dhaabbilee miti-mootummaa

gita garaagaraa irratti hundeeffaman, dhaabbilee siyaasaa (paartilee, dhaabbilee idilee addaa

dhimmoota namoomaa fi gargaarsaa irratti hojjetan fi Ejeensii,Tajaajilaa, waaltaa fi

warraaqsaatu jiru. Humni WBO qaamota kana keessaa tokkoodha. Dhaabbilee fi jaarmiyaalee

kunniin gurmaa'iinsa,qubsuma lafaa fi ergamni isaanii tokko hin tahiin male Galma tokko

mirkaneessuuf Imaammata waliigalaa (seerota dhorkaa) fi pirojeektii Biyyoolessaa Naannoo

Oromiyaa kan waalta’uu dha. Akkasumas qajeeltoo waliigalaa “Alaabaa diimaa Magariisa

diimaa jalatti Uummata tokko,Biyya tokko,hiree tokkoo fi galma tokko” dhuguumsuuf sochiitti

kan jiraniidha.

Ajejaa/Hooggansa  Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa

 Mooraa Faajjii walabummaa keessatti labsiiwwan Karaa kallattii fi alkallattii Qaama seera dhorkaa (idilee addaa) irraa kennaman madda seeraa qabeessa tahuun barameera.Hoogganootni sadrkaa olaanoo jaarmiyaa WBO (Koree WBO) mooraan qabsoo Birmadummaa, warraaqsaa,siyaasaa fi gurmaa’insa qaamota mooraa qabsoo akkasumas birmadummaa qaama qabsoo mirkaneessan akkasumas gurmaa'insi caasaa idilee addaa nageenya waaraa walii galaaiccitii seerota dhorkaa sadarkaa hojii ifa hin taaneen alatti hojjetaman fi olaantummaa Alaabaa mirkaneessuuf dirqama qaban akka jiran kan dhugoomsuu fi itti amanuudha.Jaarmiyaan WBO waliigalaa Imaammata waliigalaa ifatti qabuu cinatti Qaamota seera qabeessa mooraa qabsoo tahan irraa labsii afaanii ykn barreeffamaatiin dhimma waloo waliigalaa irratti idilee addaa akkaataa jaarmiyaa kana ilaallatuun kallattiin ykn alkallattin akkataa barbaachisummaa isaatti raawataman akka jiru ni amana.

​

Ajaja/Hooggansa  Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa

Ajejaa/Hooggansa  Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa ifatti

Itti waamamni WBO Jaarmiyaa WBO Waliigalaa - qaamota Falmattoota Qabsoo Bilisummaa Mooraa qabsoo Faajjii

Walabummaa keessaa qaama(garee) tokkoodha.Akkasumas qaamota qindoominaa mooraa

qabsoo waliin hojjechuutti amanna. Jaarmiyaan WBO waliigalaa dhimma uummata Oromoo fi Oromiyaaa akkasumaas egeree qabsa’otaa murteessuuf dirqama yookan haqa itti hin qabu.

Dhimmoota murtii siyaasaa fi imaammata waliigalaa irratti qaama dhimmi ilaallatuu fi abbaa

dhimmaa akka hin taane amana. Daangaan Aangoo jaarmiyaa WBO waliigalaa dhimmoota humna WBO kan waraanaa fi siviili itti waamama isaa tahanii fi hojii waliigalaaf qaama dhimmi

ilaallatuu (Abbaa dhimmaa tahuu itti amanna).Dhimmoota waliigalaa irratti akka qaama

mooraa qabsoo tahee dirqama qabutti yaada furmaata tahu jedhe amanu dhiheessuuf mirga

qabaachuu fi dirqama biyyoolessaa Naannoo Oromiyaatti mooraa qabsoo qabaachuutti

amana.

Ajejaa(Hooggansa) Jaarmiyaa WBO Waliigalaa caasaa qaamota labsii asii-gadi jiraniif

abboomama.

1. Labsii Abbaa dhimmaa;labsii alkallattii waloon qaamota dhimmi ilaalltuuf afaaniin

kallattii akeekamudha.

2. Labsii Boordii Biyyoolessaa Oromiyaa Koree boordii warraaqsa waliigalaa karaa

kallattii fi alkaallattiin kennamu kunis dhimmoota qaamota qindoominaa ergama

walfakkaataa qaban irratti.

3. Labsii Itti Gaafatamaa:kun ergaa giddu seentummaa,afaaniin raawatamaniidha.

akkasumas karaa xalayaa fi karaa mala quunnamtii dura mirkanaaheen ergaa

akeekamaniidha.Dhimmoota nageenya waaraa waliigalaa fi imaammata waloon

walqabataniidha.

4. Labsii paartiilee siyaasaa mooraa qabsoo:kun kallattii qabsa’ootaaf karaa miidiyaa

akeekamaniidha.

Jaarmiyaa WBO waliigalaatti HOOGGANSA SADARKAA OLAANAA

Ajejaa/Hooggansa  Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Gurmaa`insaa caasaa fi hojii waliigalaa daangaa seerotaa dhorkaa fi imaammata waliigalaa

 Mooraa Faajjii walabummaa keessatti dhiibbaa qaama kamiinuu irratti utuu hin tahiin gahee fi

gaafatamummaa mataasaa tahuu hubatee bilisummaa(birmadummaan) mari'atee,qindeeffatee,raawwatee,mirkaneessuu qaba. Dhimma waliigalaarratti kallattii fi alkallattiin ergaan jaarmiyaa qaqqabu Galma bilisummaa Oromoo fi Ummata Oromoo,nageenya waaraa waliigalaa Mooraa

Faajjii walabummaa mirkaneessuuf raawatamuu isaatti amantaa qabna.

Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa irraa:

Qaamota seera qabeessa mooraa Abdii Walabummaa keessaa sadarkaa olaanaa siyaasaa fi

seerota dhorkaa jaarmiyaa WBO waliigalaatiif karaa kallattii fi alkallattiin kallattii akeeka

“labsii” dha.

Jaarmiyaa WBO waliigalaa irraa qaama dhimmi ilaallatuu fi qaamota qindoominaa mooraa

Abdii walabummaatiif

Mooraa Faajjii walabummaa keessatti

Mooraa Faajjii walabummaa keessatti

bottom of page