Sochiilee siyaasaa fi diinagdee gaanfa Afriikaa.
top of page
  • jwbo430w

Sochiilee siyaasaa fi diinagdee gaanfa Afriikaa.

Gaanfa Afriikaatti sochiin siyaasa fi diinagdee walxaxaa hedduutu mudachaa jira. tasgabbii dhabuun Impaayera Itiyoophiyaa immoo kan caalu rakkinicha hammeessaa jira.

Murni angoorra jiru PP'n keessootti gaga'ama siyaasaa uumurra darbee,gaanfa Afriikaattis waldhabbii siyaasaa fi diinagdee hamaa uumeera. dhimma Galaana Dimaa wajjiin walqabatee hariiroo dippiloomaasii biyyoota ollaa wajjiin ture daran hammeesseera. akkuma yaadatamu Jibuutii,Eritiriyaa fi Somaalee Laand dabalatee ibsa komii Mootummaa Itiyoophiyaa irratti baasaa turan. Eritiriyaan miseensoota liigii biyyoota Arabaaf wamicha taasisuun,waloodhaan akka dantaa galaana diimaa fi gaanfa afriikaa tiksan,nageenya fi siyaasa-diinagdee waloo akka jabeessan yaada jadhu dhiheessiteetti.


Morkiin Mootummoota Biyyoota Ollaas itti fufeera. Mootummaan Itiyoophiyaa fi Mootummaan Eritiriyaa imbaabsitoota biyya bahaa barbaachatti ko'ommachaa jiru. Mootummaa Keeniyaa fi Mootummaan Itiyoophiyaas wal dorgommii biyyoota dhihaa ofitti qabuu irratti hojii manaa godhataniiru. Nageenya gaanfa afriikaaf waardiyyaa ta'uun kan beekamtu Itiyoophiyaan bara bulchiinsa PP siimboo siyaasaa kana dhabdeetti! faallaasaa biyyoonni dhihaa itti gaafatama gaanfa afriikaa kana gara Keeniyaatti dabarsuuf hariiroo dippiloomaasii jabaa hojjataa jiru. Mootummoonni lameen kun,dhimma Ashaaraa Magariisa wajjiin walqabatee morkii keessa galaniiru. gidduu kana barruu Time Magazine baase keessatti,namoota bebbeekamoo waa'ee qabiyyee qabeenya jijjiirama qilleensaa irratti hojjatan fi dhiibbaa uuman jadhu,namoota 100 fo'ee baase keessatti president Kenya William Ruto tarree duraarra kaa'eera.


KEESSOO SIYAASA ITIYOOPHIYAA ILAALCHISEE; Murni angoorra jiru, Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo ija Addunyaa biratti shakkii keessa galchuuf,lammiilee nagaa Amaaraa ona Arsiitti ajjeesuun olola sobaa WBO irratti gaggeessaa jira. lammiilee nagaa Gumuz irrattis ajjeechaa baldhaa gaggeessuun ummata Oromoo irratti buqqaatii fi du'a 2018 Oromoo irratti Gumuzootaan gaggeeffame irra deebi'uuf shira guddaatti jirama. gidduu kana weerara haaraa karaa Gumuzootaa Oromoo irratti banamaa jira,Gimbii,Najjoo,Beegii,Naqamtee,Mandii fi anaaleen naannoo sanaa akka of eeggatanis dhaamna. 2018-2019'tti sababa ajjeefamuu anga'oota Beenishaanguliif WBO itti gaafatama gochuuf,PP'n sochii guddaa taasisaa turuu hin yaadanna. 2020 keessas lammilee saba Amaaraa Gullisootti ajjeefamanis seeneessa sobaa yakka WBO irratti dhoobamuuf tolfame ture. shira siyaasaa soba kanaan humnoonni butaman kan akka Paartii Dimookraasii Gaambellaa jedhamu,ibsa miidiyaaf laaten olola PP'n butamuusaa argina. Murni angoorra jiru kasaaraa siyaasaa fi diinagdee,alaa fi keessaan isa mudate jalaa bayyaannachuuf,Qabsoo Oromoo irratti walitti fufiinsaan olola sobaa tolchuu,Oromoo fi saboota Oromiyaa keessa jiraatan faana walitti buusuu fi ollaalee Oromiyaa Oromoo irratti diinoomsee kaasuu akka tooftaa meeshaa siyaasaatti dhimma ba'aa jira.


95 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page