SHIRRI SHIRAAN XAXAME----------?
Uummanni Oromoo uummata jabaa,Beekaa,Qaroominaan Addunyaarratti beekkamuu fi Afrikaarratti sadarkaa duraarra jiru ta'uu Addunyaan ragaa baati.Saba guddaa kana akuma baay'ina isaa fi bal'ina lafa isaatti diinni kallattii hundaan itti marsee abbaa biyyummaa isaa gonfachuu dadhabuun barootaaf waanjoo gabrummaa jalatti kufee haga yoonaatti haarsaa lubbuu bakka bu'iinsa hin qabne kaffalaa ture har'aas kaffalaa Jira.
Gidiraa fi dhumaatiin Saba kanaa yaaddoo kan itti uumee,hirriiba isaan dhorkee,Sabni guddaan Jaarmiyaa jabaa Saba kana madaalu qabaachuu akka qabu yaaduun Jaarmiyaa siyaasaa fi waraana jabaa ijaaraan.Innis Jaarmiyaa siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo(ABO)Fi waraana Bilisummaa Oromoo(WBO)ijaarratanii HEERA mataa isaas bareechanii lafa kaa'anii darban.
Galanni isaanii Bilisummaa yaa ta'uutii isaaniis siidaa bara baraan hin dagatamne onnee uummata Oromoo keessatti dhaabanii darbanii jiru.
Diinni Saba guddaa kana bittinsuu barbaadu keessa fi alaan Jaarmiyaa kana diiganii balleessuuf gaarri hin bahamnee fi lagni hin ce'amne hin turre.
Maqaa gara gara itti moggaasuu,faayidaadhaan bituuf yaalu,ajjeesuu,biyyaa baasu fi gidirsuun miseensota ABO baraa gara baraatti kan itti fufe ta'usaas ni beekkama. Garuu yoomiyyuu hin milkoofne. Kan baroota dheeraa yaa hafuutii barootuma as anaan kana keessa ABO balleessuuf maqaa adda addaa itti moggaasaa turan,ammas ittuma jiru. Fakkeenya yoo fudhannee murni maqaa ABO-WBO jedhee of waamu kan dantaa dhuunfaa malee dantaa sabaa hin qabne maqaa dhaaba kanaatiin daldala siyaasaa gaggeessa jiraachuun erga baramee Heera dhaabaa cabsuun, Alaabaa ABO fayyadamuun balaa hamaa ummata kanarraan ga'a akka turan ni beekkama.
Ammaan booda garuu murna maqaa ABO-WBOtiin socho'u kamuu Jaarmiyaa kanas ta'ee ummata Oromoo Akka bakka hin buune beekuun barbaachisaa ta'uu beekuun dirqama hunda keenyati.
Akkasumas qaamni olaanaan dhimmi Oromiyaa isa ilaallatu itti gaafatamummaa hunda galeessa dachaa ta'e akka qabu waan amanuuf gara laafummaa, obsaa fi murannoo darbaa lammiilee fayyaaleyyiif qabuu fi akkasumas diinoota farra tarsiimoo fayyaaleyyii duubaan jiran waan hubateef beekamtii kennuufii irraa of qusatee callisaan jilbeeffachuuf ture. Itti milkaahee jiras.
Qaamni olaanaan Oromiyaa ijaaruuf aarsaa daangaa hin qabne kafalaa ture kaayyoo fi akeeka qabsoo ABOn durfamu galmaan gahuuf maqaa jijjiirachuun fafa malee fala akka hin qabne waan hubateef warra maqaa jijjiiratee kaayyoo sharafeef beekamtii dhorkatee hoji isaa jabinaan, hubannoo fi xiyyaafannoon itti fufee hojjachuun injifateera.
Injifachuu qofa osoo hin taane kaayyoo fi akeeka ganamaa kan ABO tiksuuf yoomiyyuu qophii ta'uus mirkaneessee Jira.
WBOnis rakkoo murni dantaa dhuunfaaf uume hubatee waldura dhaabbannaa ABO wajjin qabu ibsatee walii galamuun beekkamee Jira.kunis kan ta'e abaaree, qeeqee fi balaaleffatee osoo hin taane akka waraanaatti gahee isaa bahachuu akka danda'u hubannaa fi amantaa qaama olaanaa dhimmi Oromiyaa isa ilaallatu qabuudha jennees amanna.
Jaarmiyaan WBO Waliigalaa Idilee Ifattii yaada bu'uuraa ejjannoo waloo fi galii galma tokkichaa fiixaan baasuuf qabsoon karaa nagaa fi qabsoon hidhannoo barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaa ta'uu itti amanuun kan ijaaramee yoo ta'uu walabummaa Saba fi biyya isaaf yoomiyyuu of kennee kan hojjatu ta'uu isiniif ibsuu barbaanna.
Ilaalcha farra tarsiimoo QBOtiin kanneen masakaman waraana humna siyaasaa malee hambisuu fi ejjannoo kaleessaa WBOn qabus gaaddisa siyaasaa jalaa baasanii hoongessuudhaan riphee lolaa siyaasaa dhabee galma gahuu hin dandeenye ta'ee akka galmaa'u taasisuuf ijibbaataa turanillee shirri xaxamaa ture qabsaa'ota haqaa fi haayyota oromootiin durfamee irratti waan barameef osoo hin milkaayiin hafee Jira.
Walumaa galatti yeroo ammaa kana murna badii “ABO WBO” ofiin jedhuuf beekamtii kennuuf osoo hin taane ilmaan Oromoo fi lammiileen Oromiyaa burjaajii kanaaf saaxilamanii turaniif simannaan akka taasifamu yaadachiisa lammummaa taasisuufi.
ABOn Kallacha QBOti! WBOn Gaachana QBOti!
IUOf!!!!
Comments