Seenaan; kuusaa galmee taatelee gaarii fi yaraa darbanidha!
top of page
  • jwbo430w

Seenaan; kuusaa galmee taatelee gaarii fi yaraa darbanidha!

Seenaa gaarii fi yaraa hawaasa keessatti yoomuu yaadatamaa jiraatan, addunyaa keenya keessatti taatelee jiraachaa turan fi gara fulduraas jiraatanidha. seenaaleen cunqursaa fi cunqurfamtootaa harka caalaa addunyaa kana kan qabatudha. seenaan kun dhiibbaa siyaasaa fi diinagdee irratti kan hundaa'e,namoota dhunfaa,garee fi biyyootaan kan raawwatamaa ture fi jirudha.

Kanneen keessaa weerara biyyota Awrooppaa afriikaanota irratti taasisan,weerara garee Ankoobar irraa ka'ee Oromoo weerare fi har'ammoo abbaa hirree nama dhunfaa ummata Oromoo jumlaan ajjeesaa jirudha. seenaan turtii fi bara irratti akkatti seeneeffamu gargar ta'uu mala. cunqursaan saba Oromoo irratti gaggeeffamu jaarraa tokko dura Miniliik irraa kaasee,hanga dheengaddaa waaggaa shanan kana itti fufee jira.

Seenaan cunqursitootaa fi cunqurfamootaa,dabareen walharkaa fuudhaamee hanga itti fufeetti,seenaan xinnoo fi laayyoo hin qabdu. taateleen gocha yakka ajjeechaa har'a Kol. Abiy Ahimadiin Oromoo fi saboota biroo irratti gaggeeffamu,hambaa haftee seenaa Ipmaayeera Itiyoophiyaa ta'ee galmee seenaa irratti barreeffama. kanaafidha seenaan xinnoo hin qabdu,yakkis gaarummaa hin qabu kan jadhamu. taattoolee gocha farrummaa kana keessatti kan qooda fudhatan,akka nam-qeenxee,akka garee fi jarmiyaattis,gaafatama seenaa jalaa hin ba'aan.

Dhaloonni seenaa gaarii irraa qajeelummaa,gootummaa,jabina,namummaa fi ogummaa akkuma baratu,seenaa gadhee irraas wantoonni baratamanii jiilaman hedduutu jiru.

Qabsoon Oromoo hudhaa seenaalee gaarii fi yaraa kana keessatti,seenaa jallate fi dabe qajeelchuu fi sirreessuun,seenaa gaarii fi qajeele immoo jabeessuu fi utubuun, Oromoo akka sabaatti ijaaree bakka har'a sabni Oromoo irra ga'ee jiru geessiseera.

Dhaloonni wal harkaa fuudhiinsa seenaa gaarii kana itti fufsiisuun,kanneen itti gaafatamtoota seenaa yakkaa qabanis,seenaan,hamilee fi seeraan akka itti gaafataman gochuuf hojjachuutu irra jiraata. kun immoo injifannoo MQBO'tiin golaba argata.




56 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page