Ramaddii Qondaaloota Waraanaa fi Siviilii Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifatti (JWBOW)
top of page
  • JWBOW

Ramaddii Qondaaloota Waraanaa fi Siviilii Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifatti (JWBOW)



Jaarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifaattii (JWBOWI).

Kaayyoo fi akeekni Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo, Mula'ata '' Hojiiwwanii fi caasaalee idilee ifatti mirkaneeffame arguu dha'' Hojiirra oolee argamuuf Gurmaa’insa Caasaalee fi Hojiiwwan Itti Gaafatamummaa Sadarkaa Giddugaleessaa,keessatti Waajjira Dhimmoota Siviilii fi Waraanaa jalattii Qondaalaa Qindeessitoota Dameelee Sagal Mirkaneessee,qaama dhimmi ilaallatuuf ifoomsa.

Bu’uura Hojimaata waliigalaa idilee ifattii fi akkaataa barbaachisummaa fedhii Caasaa fi Hojiiwwan idilee ifattii Dhimmoota Siviilii fi Waraanaa Waliigalaa fi Dambii Bulmaata JWBOWI ilaaluudhaan,muudamni ifattii akka kennamu murteesse.

Bifuma kanaan,dandeettii,ga’umsa fi muuxannoo hojiif qaban ilaaluudhaan,Baatii Muddee 29,2023 irraa kaasee Qondaalonni Waraanaa fi Siviilii armaan gadi maqaan tarrifaman,qaama dhimmi ilaallatuun murtaa'ee mirkaneeffameera.

Maqaalee fi gita hojii muudamaa፦

1.Qondaala Gammadaa Baqqalaa Tolaa JWBOWI'tti Waajjira Dhimmoota Siviilii Waliigalaa jalatti,Qindeessaa Damee Dhimma Diinagdee fi Hawaasummaa.

2. Qondaala Tufaa Biiftuu Xaqaqii JWBOWI'tti Dhimmoota Siviilii Waliiglaa jalatti,Qindeessaa Damee Dhimma Hariiroo fi Quunnantii

3. Qondaala Xahaa Abdallaa Dawid JWBOWI'tti Dhimmoota Siviilii Waliigalaa jalatti,Qindeessaa Damee Miidiyaa fi Odeeffannoo.

4. Qondaala Lamuu Mootii Nuqus JWBOWI'tti Dhimmoota Siviilii Waliiglaa jalatti,Qindeessaa Damee Dhimma Qindoomina Alaa.

5. Qondaala Gobbinee Tsegaye Kitaabaa JWBOWI'tti Dhimmoota Siviilii Waliigalaa jalatti,Qindeessituu Damee Dhimma Siviilii.

6. Qondaala Dinqinash Dheeressaa Kitilaa JWBOWI'tti Dhimmoota Siviilii Waliigalaa jalatti, Qindeessituu Damee Dhimma Haala Mijeessaa dhaabbilee Miti-Mootummaa fi Mirgoota Namoomaa.

7. Qondaala Manbaruu Boggalaa Imaamuu JWBOWI'tti Dhimmoota Waraanaa Waliigalaa jalatti,Qindeessaa Damee Qindoomina Keessoo .

8. Qondaala Mirreessaa Garramaa Unatuu JWBOWI'tti Dhimmoota Waraana Waliigalaa jalatti,Qindeessaa Damee Qindoomina Waraana .

9. Qondaala Qabbannee Qannoo Atoomsaa JWBOWI'tti Dhimmoota Waraana Waliigalaa jalatti,Qindeessituu Damee Karoora fi Humna Namaa.

Qaamni dhimmi ilaallatu muudamni armaan olii ifatti Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifattiin (JWBOWI'n) kan kenname ta’uu isaa hubachuudhaan,kallattii dirqamni hojii akeeku hundumaan,walhubannaa fi deeggarsa barbaachisu hunda akka gootaniif isin hubachiifna.

Birmadummaa Biyyaa, Siyaasaa, Hawaasummaa, Mirga Namoomaa Uummata Oromoo, Lammiilee Oromiyaa ni Mirkaneessinaa!

Haroo Lakkuu Ifaa

To’ataa Hojimaata Waliigalaa fi Gargaaraa Barreessaa Jaarmiyaa WBO Waliigalaa

Muddee 29,2023

1,038 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page