JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO WALIIGALAA (JWBOW).
top of page
  • jwbo430w

JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO WALIIGALAA (JWBOW).




Ummanni Oromoo biyya mataasaa fi baay'ina kan qabu,teessuma lafaa bakkoota adda addaattis kan jiraatu ykn argamudha. Gaaffiin Oromoo gaaffii mirga olaanaa Abbaa Biyyummaa isaa deebisee gonfachuudha. Haaluma kanaanis Ummanni Oromoo akkaataa gurmaa'uuf isaaf mijatu fi qabsaa'uuf isaaf tolitti,kallattii garagaraan walqindeessee qabsa'aa ture,qabsa'aas jira.


Mooraan qabsoo bilisummaa Oromoo,Dhaabbilee miti-mootummaa sadarkaa gita garagaraa irratti hundeeffaman,Dhaabbilee siyaasaa,Dhaabbilee idilee addaa (dhimmoota namoomaa fi gargaarsaa irratti hojjatan) akkasumas Jarmiyaalee Warraaqsaa,Ejeensii tajaajilaa fi Waaltaatu jiru. Humni WBO qaamoota kana keessaa tokkodha. galma tokko mirkaneessuuf imaammata waliigalaa Naannoo Biyyooleessa Oromiyaan kan waalta'udha.

Alaabaa Diimaa,Magariisa fi Diimaa jalatti,Ummata tokko,Biyya tokko,Hiree fi Galma tokko dhugoomsuuf sochiitti kan jiranidha.


Itti waamamni WBO (Jaarmiyaa Waliigalaa Waraana Bilisummaa Oromoo),qaamoota falmattoota qabsoo bilisummaa mooraa faajjii walabummaa keessaa qaama tokkodha. Akkasumas JWBOW qaamoota (garee) qindoomina mooraa qabsoo bilisummaa waliin hojjachuutti amana.

Jarmiyaan WBO Waliigalaa dhimma Oromoo fi Oromiyaa,dhimma egeree qabsaa'otaa irratti murteessuuf dirqama itti hin qabaatu ykn itti gaafatama isaa miti. akkasumas murtii siyaasaa fi imaammata waliigalaa irratti,qaama dhimmi ilaallatu fi abbaa dhimmaa akka hin taane amana.


Daangaan angoo JWBOW dhimmoota humna WBO kan waraanaa fi siviilii'tti itti waamama isaa ta'aan fi hojii waliigalaaf qaama dhimmi ilaallatudha. (abbaa dhimmaa ta'uu itti amana). kanamalees dhimmoota waliigalaa irratti akka qaama mooraa qabsoo ta'ee dirqama qabuutti,yaada furmaataa ta'a jedhee amanu dhiheessuuf,mirga fi dirqama biyyooleessa naannoo oromiyaa mooraa qabsoo qabaachuutti amana.

66 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page