top of page
  • JWBOW

JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OR OMOO WALIIGALAA IFATTITTI QINDEESSAA DHIMMOOTA WARAANAA WALIIGLAA IRRAA

GUYYAA  WBO AMAJJII 1 FI  BARA HAARAA 2024 BAGA GEESSAN

 JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OR OMOO WALIIGALAA IFATTITTI QINDEESSAA DHIMMOOTA WARAANAA WALIIGLAA IRRAA

Guyyaa kabajaa,seena qabeessaa fi barabaraan Yaadatamaa Amajjii 1 Guyyaa WBO baga geessan.

Bara 1973 yeroo hacuuccaan Uummata Oromoo irraatti akkaan cimtee turte sanatti haala akkaan ulfaataa keessatti ABOn uumame irraa kaasee  Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn haalkan fi guyyaa utuu hin jedhiin qorraa,beela, daare fi dheebodhe utuu hin jedhiin wareegama kaffalaa as gaheedha. ABOn dhaba  waraana isaa sirnaan hoogganuuf alaabaan isaa Uummata Oromoo biratti jaallatamummaa qabu waraana isaa waliin qabatee adunyaaf beeksisee kuno har’a guutuu Oromiyaa keessatti mallattoo lammiilee cunqurfamio hundaa taatee argamti.

ABOn mootummaa dargii kuffiisuu keessatti gahee leencaa bahatee shira bara1991 fi 1992 irratti xaxamen  ceehumsa yeroo sanaa keessaa baafamee waggaa hedduuf galma hin gahiin hafee qabsoo isaa garuu finiinsee sadarkaa hardhaa kanaan gaheera.

Itti dabalee ABOn qabsoo finiinsuun  Qeerroo Bilisummaa Oromoo    QBO  akka kaannisaa diina hidditu ijaaruun  ADWUI  teessoo irraa galagalche.

ABOn bara 2018 akka biyya galeen ammas shirri tooftaa dulloomaa murni pp abbootii isaarraa dhaaleen irratti dalagameen qabsoo Oromoo gara dabarsuuf shira dalaguun qabsoo Oromoo gatatchiisuuf yaalan. ABOn shira isaanii irra aanuun qabsoo Oromoo furgaasuun  garee maafiyaa pp morma hudhee xummura itti gochaa jira.

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo irraa gootonni hedduun dhaloota dhufuu fi saba keenya gabrummaa hin dhaalchifnu jechuun wareegama qaqqaalii nuuf kennan dhaallee qabsoo   ABO sadarkaa diinni butuu hin dandeenyeen geenye jirru kana keessatti  ABOn danqaalee fi gufuuwwan hedduu keessa darbee amma golee Oromiyaa keessatti WBOn wareegama guddaa kaffaluun diina mogolee buusaa jira.

Xurree gootonni keenya irratti wareegamanii fi kaayyoo  isaanii galmaan gahuuf kan har’a lubbuu isaa qaalii deebii hin qabne kennaa jiru gooticha keenyaa WBO daandii kaayyoo kaleessaa irra imalee asgaheedha.

WBOn qabsoo inni gochaa jiru busheessuuf ykn sirna dhabsiisuuf kan xawalwaalummaan hojjechaa jiran bira darbee sirnaaf naamusaan hojii isaa ifatti diinatti agarsiisaa jira.

Jarmiyaan warana  bilisummaa oromoo waliigalaa ifattii/JWBOWI danqalee hedduu keessa darbee diina hedduu waliin kokkee wal hudhee kutannoo abboota keenya irraa dhaalleen golee Oromiyaa mara keessatti WBOn injifannoolee galmeessuun sochii diinaa bahaa fi gala dhorkee jirra.

Jaarmiyaan WBOWI kaayyoof akeeka ifa taheen waraana isaa sansakaa fi naamusa waraanummaan guutaman kaayyoo ABO ganamaa galmaan gahuuf lola amma gochaa jiruun diinaa fi firatu beeka.

WBO shiraan kuffiisuu/laaffisuu fi maqaa balleessuun hin dandahamu,tasuma hin yaadamus. Maqaa  addaa addaa itti moggaasuun  WBO  dadhabsiisanii jilbeenfachiisuuf  karoora wixinameedha. karooraa fi tooftaa dinaa   kana JWBOWI irratti  baruun  tooftaa diinaa fashalseera.

Toftaaleen qaamni “mootummaa” ofiin jedhu kun WBO cabsuuf murna xixiqqoo of jalatti bixxiluun WBO fakkeessanii ijaaran guutummaa Oromiyaa keessaa JWBOWI qulqulleessaa jira.

shira shiramu hundumaa WBOn muuxannoo yeroo dheeraa waan qabuuf  shira kana bilchinaan irra aanuun kan shira xaxaa ture hundi ofii diigamaa jira.

Maqaa WBOn namoota yakka dalagaa oolan hunda JWBOWI balaaleffatee

WBOn Bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiiyaa  mirga sabaa Oromoo lammiilee Oromiyaa keessa jiran akka mirgi isaani hin tuqamnetti  eegee qabsoo sirna qabeessa gaggeessaa jiruun nageenya waraawwaa lammiilee nii mirkaneessa.

IRRA DEEBIIN BAGA GEESSAN!

QONDAALA GAMMACHUU HANGAASUU JWBOWI QINDEESSAA DHIMMOOTA

WARAANAA WALIIGALAA



152 views0 comments

댓글


bottom of page