IMPAAYERA HIREE SABOOTAA HUMNAAN SARBITE KEESSATTI,MOOTUMMAAN UMMATAA FI SABA TOKKOO HIN JIRAATU!!
top of page
  • jwbo430w

IMPAAYERA HIREE SABOOTAA HUMNAAN SARBITE KEESSATTI,MOOTUMMAAN UMMATAA FI SABA TOKKOO HIN JIRAATU!!

Falmiin yaadootaa yeroo gara garaatti ka'aan keessaa 1ffaan,Itiyoophiyaan impaayera moo biyya kan jadhudha.

~Itiyoophiyaa keessatti sirna bulchiinsa Mootummootaatu jijjiiramaa dhufe malee,sirni ijaarsi impaayerichaa hin jijjiiramne.

~Jijjiiramuu dhabuu sirna ijaarsa Impaayerichaa cinaattimmoo,hireen sabootaa fi fedhiin ummataa hin gaafatamne.

~Mirgi hiree mataa ofii sarbamuu cinaattimmoo,dhiittaan mirga namoomaa fi dimookraasii,sarbamuun mirga qabeenya ofii irratti abboommachuu dadhabuu itti fufuusaati.

~Mirgoota Idil addunyaa sarbaman cinaattimmoo,ajjeechaa,hidhaa fi giraarri,lubbuun jiraachuu Impaayerichaa mirkaneessa.


Falmiin yaadotaa waggoota shan as ka'aa jiran keessaammoo 2ffaan,Mootummaan PP mootummaa Oromooti kan jadhudha.

~Mootummaan PP dhaaba olaantummaa TPLF'n bulaa ture EPRDF keessaa kan dhalatedha.

~Mootummaan PP dhaaba biyya bulchaa jiru fi mootummaa Impaayera Itiyoophiyaa tiksaa jirudha. akkasumas itti gaafatamni isaa ummata Itiyoophiyaa hundaafidha.

~OPDO'n olaantummaadhaan EPP haa gaggeessan malee,dhaaba Oromoos miti.

~OPDO'n angoorra waan jiraniif,afaan Oromoo waan dubbataniif,Oromoo bakka bu'u jachuu miti. sababni isaa Mootiin H/Sillaasee afaan Oromoo akka dubbachuu danda'aan namoonni itti dhihoo quba qabu. Bara Dargiis Kol.Mangistuu cinaa angaa'onni hiriraa turan hedduun dhiigaan Oromootadha.


Wanti hubatamuu qabu,mootummaa ummata ykn saba tokkoo jedhamuuf,ummata ykn saba sanaaf filatamuu barbaachisa. Oromoon Impaayera Itiyoophiyaa jalatti erga kufee kaasee,mootummaa ofii filate hin qabu.

OPDO'n mootummaa Oromoo ta'uu miti,dhaaba Oromooyyu miti. dhaaba tokko dhaaba saba tokkoo kan jachisiisu amaloota hedduu qaba.

  1. Aantummaa sabaa.

  2. Sabichaaf wareegama qaamaa,diinagdee,jireenyaa,lubbuu fi gatii kamuu kaffaluu.

  3. Saba bakka bu'anif qabsoo taasisuu.

  4. Hirmaachisummaa ummata ofii qabaachuu.

  5. jaalala fi fedhii sabichaa argachuu.

  6. Kaayyoo fi akeeka muldhataa qabaachuu.

  7. Dantaa dhunfaa caalaa,dantaa sabichaaf jiraachuu.

  8. Sabicha abbaa qabsoo fi abbaa dhimmaa taasisuu.

  9. Saba dhaabataniif wabii nagaa fi jiraachuusaa ta'uu.

  10. Gaaffii saba dhaabataniif kan beekan fi dhaggeeffatan ta'uu.

Amaloota muraasa kanayyu OPDO irraa yeroo calaqqisiifamu muldhatee hin beeku.inumaayyu faallaa sabichaa dhaabatanii argamu. OPDO'n gurmuu qaamni sadaffaa ijaarrateerra darbanii,garee sadoo fi fedha dhunfaaf wal jaaranii angoorra jiranidha. akka carraa ta'ee Awroppaanoonni yannaa Addunyaa Kolonii isaanii jala galfatan,kan ittiin addunyaa bitaa fi gabroomsaa turan,gantoota sabicha keessaa dhalataniin ture.

FKN; Ingiliiz bakka kolonii qabatteetti Mootilee sabicha keessaa dhalatan teessoo isaanii irratti tiksuu fi umrii isaanii dheeressuun bitaa turte. bakkoota biraattimmoo,Mootummoota abbaa hirree ijaartee sabicha gantuuma isaatiin bittee,qabeenya sabichaa saamaa turte. biyyootuma ollaa Itiyoophiyaa Keeniyaa,Sudaan fi Missiir keessatti tooftaa kanaan alkallattiin bulchaa turteetti. akkasumas biyya Hindii bifuma walfakkaatuun bulchiteetti. Jaappaan gaafa Chaayinaa weerartes,gantoota Chaayinaatiin ummata Chaayinaa gabroomsaa turte. kan akka Faransaay fi Xaaliyaanis tooftaa walfakkaataa raawwataa turan.

Jaarraa amma jirru keessattis,OPDO'n Mootummaa tiksituu Ipmaayera ekeraa Miniliik ta'anii tajaajilaa warra jiranidha. kanaaf OPDO'n ulaagaa Mootummaa Oromoo ta'uu miti,ulaagaa dhaaba Oromoo ta'uuyyu hin guutan.


Dhuma irratti; ummanni Oromoo HIREE MATAA OFII, OFIIN MURTEEFFACHUU fI MOOTUMMAA MATAA OFII ijaarrachuuf,qabsoo ABBAA BIYYUMMAA isaa jabeessee itti fufuu qaba. Tiksitoonni Impaayera ekeraa Miniliik,sanyii duguuggaa,saamicha qabeenyaa,buqqa'iinsa qa'ee,dhiittaa mirga namoomaa isarratti gaggeessaa jiran jalaa ba'uu fi dhaabsisuuf,Seeneessa fi gowwomsaa maqaa Mootummaa Oromoo fi lola obbolaa lamaan gidduu jadhamu kana cabsee bira darbuu qaba. Firaafis ta'e alagaaf,darbees hawwasa addunyaatti kan Oromoon hubachiisuu qabu,lola Bilisummaaf taasifamu fi sirna Impaayeraa tursuuf gaggeeffamaa jiru gidduu ta'usaati.




84 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page