Ijoo Dubbii: JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO WALIIGALAA Ifatti
Baatii Adoolessa gaafa 22,2024 walakeessa guyyaa walga'ii toora zoom irraatti walitti qabaa Marroo Dirribaa ykn Kumsaa Dirribaatiin mata duree "Barnootaa Bu'uraa fi Haaromsa" jechuun hirmaattota qondaalotaa jechuun WBO fakkaataa irraa 96 argaman irratti qajeelfama Jallaa dabarseera.
Innis "WBOn zoonii Giddugalaa nuunbuluu waan didaniif tokkoon ishee odoo hinhafin ajjeefamuu qabdi"jechuun isaa yakka Ol'aanaa mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti addatti mana Murtii Waraanaa WBOtiin kan ilaalamuudha.Humna WBO Zoonii dhihaa fi Zoonii Giddugalaa walitti duulchisuun uummata Oromoo fi Oromiyaan bilisoomsuuf baane jechuun hindanda'amu.Waraanni Bilisummaa Oromoo heeraa fi seera ganama qabsaa'ota gameeyyiin tumamteen bula.Miseensa WBO badii raawwatee argame yakka hojjeteef seera Waraanaa tumamee lafa jiruun adabama.Kanaaf qajeelfamni darbee fi kanaan dura yakka walfakkaataan raawwatan egeree Oromiyaatiif yaaddessaadha.
Gareen kun beekamtii Jarmayaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa ala kan of ijaaruuf yaalaa ture yoo tahu WBOn Idilee Zoonii Dhihaa,Zoonii Giddu Galaa,Zooni Bahaa,Zoonii Kibba Bahaa,Zoonii Kibbaa fi Zooniin Kaabaa hooggansa Marrootiin hiriiree akka hin jirre ummata Oromoo biyya keessaa fi biyya alaatiif ifoomsina.
Uummatni Oromoo Biyya keessaa fi Biyyaa Alaa tumsa dinagdee jaalalaa fi abdii WBO irraa qabdaniif tumsi taasisaa turtanii fi taasisaa jirtan fedhii dhuunfaatiif qabsoo Oromoo gara dabarsuu fi gufachiisuuf oolaa jiraachuu hubattanii kallatti WBO Idilee ittiin tumsattan JWBOWItti gurmaa’insa caasaa damee dinagdee diriiree jiruun tahuu hubachiifna.
JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO WALIIGALAA Ifatti
Adoolessa 23,2024
Oromiyaa
ความคิดเห็น