Ijoo Dubbii Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifaatti
Adoolessa 25,2024
“Ofiifuu duutii maalif of huutii?” jedha Mammaaksi Oromoo gaaffiidhaan mammaakame.
Hiikkoon mammaaksa kanaa silaa du'a hin oolanii maalif hidhanii of ajjeesuu? Jedhanii gaafachuuf mammaakame.
Murni WBO fakkaatan maqaa “abo wbo” jedhuun of haamaa ture ofiifuu du'a jedhamee qaama dhimmi WBO isa ilaallatu biratti beekamtii dhorkatamee callisamee ilaalamaa ture.
Amma garuu ofii du'ee du'a isaa lammiileen burjaajii keessatti isa deeggaraa turan “akkas hin seene” jechaa gaabbiidhaan iddoo dhugaatti jalaa deebi'aa jiru.
Qaamni olaanaan dhimmi Oromiyaa isa ilaallatu gaafatamummaa hunda galeessa dachaa tahe akka qabu waan amanuuf gara laafummaa, obsaa fi murannoo darbaa lammiilee fayyaaleyyiif qabuu fi akkasumas diinoota farra tarsiimoo fayyaaleyyii duubaan jiran waan hubateef beekamtii kennuufii irraa of qusatee callisaan jilbeeffachuuf ture itti milkaahee jira.
Qaamni olaanaan Oromiyaa ijaaruuf aarsaa daangaa hin qabne kafalaa ture kaayyoo fi akeeka qabsoo ABOn durfamu galmaan gahuuf maqaa jijjiirachuun fafa malee fala akla hin qabne waan hubateef warra maqaa jijjiiratee kaayyoo sharafeef beekamtii dhorkatee hojii isaa xiyyaafannoon itti fufee hojjachuun injifateera.
WBOnis waldura dhaabbannaa ABO wajjin qabu ibsatee, abaaree, qeeqee fi balaaleffatee osoo hin taane akka waraanaatti gahee isaa bahachuu akka dandahu hubannaa fi amantaa qaama olaanaa dhimmi Oromiyaa isa ilaallatu qabuudha.
Jaarmiyaan WBO Waliigalaa Idilee Ifattii yaada bu'uuraa ejjennoo waloo fi galii galma tokkichaa fiixaan baasuuf qabsoon karaa nagaa fi qabsoon hidhannoo barbaachisaa qofa osoo hin taane murteessaa tahuu itti amanuun kan ijaaramee dha.
Ilaalcha farra tarsiimoo QBOtiin kanneen masakaman waraana humna siyaasaa malee hambisuu fi ejjannoo kaleessaa WBOn qabus gaaddisa siyaasaa jalaa baasanii hoongessuudhaan riphee lolaa siyaasaa dhabee galma gahuu hin dandeenye tahew akka galmaahu taasisuuf ijibbaataa turanillee hin milkoofne.
Egaa yeroo ammaa kanas murna badii “abo wbo” ofiin jedhuuf beekamtii kennuuf osoo hin taane ilmaan Oromoo fi lammiileen Oromiyaa burjaajii kanaaf saaxilamanii turaniif simannaan akka taasifamu yaadachiisa lammummaa taasisuufi.
ABOn Kallacha QBOti! WBOn Gaachana QBOti!
IUOf!!!!
Kommentare