IBSA (JWBOW) AKKAATAA TURTII IDILEE ADDAA,BARA 2018 IRRAA KAASEE.
top of page
  • jwbo430w

IBSA (JWBOW) AKKAATAA TURTII IDILEE ADDAA,BARA 2018 IRRAA KAASEE.

IBSA (JWBOW) AKKAATAA TURTII IDILEE ADDAA, BARA 2018 IRRAA KAASEE.

Sochii warraaqsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi Ummanni Oromoo taasiseen,Bulchiinsa EPRDF keessatti jijjiirama fiduun,olaantummaa TPLF kaasee,humni jijjiirama sobaa EPRDF keessaa dhalatee gara angootti dhufe sababeeffachuun,dhiibbaa haala walxaxaa siyaasaa,dhiibbaa ummata Oromoo, shira qaamoota Mootummaa keessaa fi alaan taasifameen,hoggansi ABO biyya Eritrea irraa gara Itiyoophiyaatti akka galu taasifame. WBO'n karaa seera qabeessaan gara biyyaa seene Bulchiinsa Naannoo Oromiyaatti,konyaa Arsii mooraa Ardaayittaa jadhamu akka qubsiifamu taasifame.


Qaamni kufaatii olaantummaa TPLF'n jala gugatee, qabsoo Oromoo butee gara angootti darbe,waliigaltee ABO faana Ertiraa'tti taasise haaluun (ganuun), Turtii ji'a lama hin caalle keessatti WBO mooraa Ardaayittaatti qubsiifame irratti dhiibbaa kallattii fi alkallattii taasisuutti ce'e. Baatii sadaffaa irraa kaasee Qondaaloota WBO dirree jiru fi Qondaaloota WBO mooraa Ardaayittaa keessa jiran gidduutti garaagarummaa yaadaa uumuuf,olola fi maq-xureessii garagaraa oomishanii raabsuu itti fufan. Tooftaalee garagarummaa ittiin uumuuf yaalan keessaa,qaama yakkamaa taasisan gantuu jachuun,qaama kaan immoo maqaa "Jijjiirama" sobaa fudhatan jachuun hojii diigumsaa karaa sab-qunnamtii hawaasaa idilee fi al-idilee ta'een,shakkii fi saabotaajii garagaraa uumuuf carraaqani.


Haalli walxaxaa kun itti fufee jeeqamsa hamaa uumaa dhufuun,qondaaltonni fi miseensoonni WBO mooraa Ardaayittaa keessa turan,Hoggantoota Koree Hojii Raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo dubbisuuf murteeffachuun karaa qaama dhimmi ilaallatuun ergaa dabarfatan. Ergaan "Nu dubbisaa" jedhu akkuma hoggantoota ABO qaqqabeen, Jiilli hoggantoota ABO Jaal.Abdii Raggaasaa ,Jaal.Yaddii Abdushukkurii fi hoggantoota biroos hammate gara mooraa Ardaayittaa WBO dubbisuuf imalan. Hoggantoonni fi Qondaaloonni WBO utuu waltajjii marii uumuuf qopheeffataa jiranii ,Murni al-seeeummaa aadaa godhate fi shoroorkeessummaa amala godhate,waltajjii sana shoroorkeessuun hojiisaa idilee ifatti raawwate. Jiilli Hoggantoota ABO akka WBO qunnamee hin mariisifne danqaa fi saabotaajii raawwate.


Murni angoorra jiru olola duraan eegale itti fufuun,WBO dirree jiru akka qaama ergama TPLF fudhatee sochiitti jiru fakkeessuun,tooftaa qiyyaafatee garaagarummaa WBO gidduutti uume. WBO'n falmaa bilisummaa ummata Oromoo ta'ee utuu jiruu,wal amantee fi shakkii ummata Oromoo fi WBO gidduutti uumuuf maq-xureessii ifatti raawwate. WBO mooraa Ardaayittaa ture irratti ifatti hokkora kaase.

Haata'uutii miseensi fi qondaalonni WBO haaloota farrummaa addaan isaan baase,galma dhokataa fi shira daba diinaa qorachuun,dhimma sabaa ijoo firdii godhachuun akkuma haalli isaaf mijateetti tooftaalee garagaraatti dhimma bahuun,tarkaanfilee fudhachuu qabu wal duraa duubaan hojiirra oolche.

Akkasumas bu'aa xiinxala haalotaa fi tooftaa ta'uu mala'tti fayyadamee haala dhufu kamuu ofirraa ittisuu,sagantaa jaallummaa gidduu isaanii jiru daran jabeessuu fi olola murna kanaaf gurra hin kenninu dubbii jadhu irratti waliigalan.


Haaloota turan secca'uu fi qulqulleessuuf,qondaaloota ergama qabsoo buchisiisuu (saabotaajii) duuba jiran qorachuuf,odeeffannoo dabalataa karaa Jaarmiyaa Q.B.O'n qaruuxee karaa ifatti hin taaneen odeeffannoo sassaabuuf murteeffate. Sagantaa kanaan akeeka fi kaayyoo Murni angoorra jiru karoora baldhaa baafatee yakka qinda'aa WBO mooraa Ardaayittaa jiru fi dirree falmaa irra jiran irratti sagantaa baafatee xumurachuu irra akka jiran adda baafame.

Karoorri Murni kun baafate akka waliigalaatti,Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) diiguu/bittinneessuu,WBO mooraa Ardaayittaa jiru fi dirree qabsoo jiran hiikkachiisuu fi booji'uuf yaadame ta'uu adda ba'e.


Sagantaa kana mirkaneessuuf,qaamoota garagaraa hawaasa siviilii /ummata Oromoo irraa waaman,humnoota waraana alarraa ergifataman ykn kireeffaman wajjiin wal tumsuu fi qindaa'uun gurmeeffatan. Adeemsa kanaanis gocha ergama ajjeechaa qondaaloota WBO ol-aanaa sadarkaa damee fi qondaaloota gidduu galeessaatti raawwatan, humnoota gocha shororkeessummaa yakka gocha qindaawaa siviilii sanyiin wal waraanu raawwatan,humnoota WBO idilee fakkaatanii saabotaajii raawwatan,humnoota basaasaa (kanneen haaloota qoratan),icciitii keessoo sakatta'anii argatan,humnoota eenyummaa qondaaloota waraanaa,qaruuxee karoorsan fi qindeessan bira gahaan argachuuf tattaafatan,EPRDF'tti Bulchiinsa Naannoo Oromiyaatti bobbaasuun raawwatan. Humnoota badii kana biyyoota alaarraa galfachuun,teessuma lafa Oromiyaa keessatti naannoo qondaaltoonni tooftaa fi ajajoonni WBO argamu jadhee yaadu hundatti qubsiisan.


Shororkeessummaa fi yakkoota sarbamiinsa mirga ummata siviilii irratti raawwatan.humnoota ergama qaruuxummaa fi basaasummaa riqicha caasaa lojistikii WBO magaalaa addaan baasanii ciran,humnoota ergama gocha al-seerummaa fi ifatti caasaa al-idilee WBO magaalaa keessaa adamsee ajjeesu,humnoota ergama WBO fakkaatu qabu diriiree,yakkoota gudeeddii shamarran fi saamicha ummata Oromoo irratti raawwatu mirkaneessuuf bixxilame.

Akkasumas itti waamama WBO fakkaatee ,alkallattiin ergama shiraa fi saabotaajii kaayyoo WBO waliigalaa ,duudhaa fi safuu Oromoo cabsuun,sansakkaa WBO'n itti masakamu,kan ummata Oromoo fi idil-addunyaa biratti fudhatama fi beekamtii qabu cabsuun,ummanni Oromoo shakkii keessa galee,amanamummaa fi abdiin WBO irraa qabu akka boora'u,ummata Oromoo fi WBO gidduu hariiroon jiru akka burkutaa'u,hawaasni idil-addunyaa kaayyoo fi akeeka WBO akka balaaleffatu,humna badii kanaan shirri qindaa'ee WBO idilee fakkeessuun Oromiyaa keessa qubsiise.


Qondaaloonni dirqama addaa ifatti hin taane qindeessan,karoora hojiilee dirqama addaa idileen hojjataman,hojiilee yakka gurmaa'e fi shororkeessummaa ajjeechaa qondaaloota WBO waliigalaa,saabotaajii,maq-balleessii,hokkora siviilii keessaa,hojiilee ololaa hariiroo ummata fi WBO addaan kutuuf,akeeka fi kaayyoo WBO fudhatama dhabsiisuuf,kan diinni karoorsee irratti dura dhaabbatu,ittisu,adamsee laamshessu fi ittisu ijaaruun,deggersa barbaachisaa ta'e akka kennu gartuu addaa hundeessee bobbaasaa ture.

Dirqamni kun dhimma jiraachuu qondaaloota WBO,dhimma imaanaa wareegamtootaa fi dhimma qajeelummaa Oromummaan akeeku dha.

Yeroo dirqamni idilee addaa kun haala rakkisaa fi walxaxaa keessatti qindeeffamee raawwatame,sochiin gartuulee keessoo WBO idilee fakkaatu fi maandhee WBO fakkaatu sadarakaa yaaddessaa irraa hir'isuuf,ergamni idilee addaa (adamsuu,qolachuu,bittinnessuu fi to'achuun hanga bara 2021 ji'a 6ffaatti itti fufe.

Guutumaa guutuutti ta'uu baatus,sadarkaa nageenya qondaaltoota WBO'f yaaddessu irraa hir'isuun danda'ameera.akkasumas Konyaalee Oromiyaa jiran keessaa WBO idilee fakkaatan,caasaa isaanii qolachuu fi to'achuun mirkanaa'eera. Gocha shororkeessummaa madda TPLF'tti garee "mootummaa jijjiiramaa" ofiin jadhan fi qaamoota qindoominaa (tumsa laachuf alarraa dhufan) hojii farrummaa raawwataa turan ittisuun raawwatame.


Bara 2021 gara xumuraa hojiin gurmaa'ina qunnamtii qondaaloota qajeeltoo seera dhorkaa ture,gara qajeeltoo imaammata WBO'tti gurmeessuun eegalame.sadarkaa konyaatti ajaja Gartuu fi ajaja Birgeedii,Buttaa akkaataa barbaachisummaa isaanitti walitti hidhuu fi akka quba walqabaataan godhamee mirkanaa'uun itti fufe.

Jalqaba bara 2022 gara ajajoonni WBO konyaa konyaa jiran adeemsi sadarkaa gadiitti raawwatamu mirkanaa'e.caasaa WBO dirqama idilee addaa qabu konyaatti gurmaa'anii jiran mirkanaa'ee raawwatame.

Walakkeessa 2022 WBO'n dirqama lama walfaana raawwataa ture.haftee murni maafiyaa qindeesse fi seelii isaanii sadarkaa konyaatti guutumaan guutuutti barbadeessee hojiin ala ta'uu mirkaneessuun,gurmaa'iinsa caasaa WBO konyaa konyaatti qindeessuu fi gaafatamtoota kaadhimanii mirkaneessuu raawwatame hanga xumura 2022'tti hojjatame.


Jalqaba bara 2023 dirqama idilee addaa gurmaa'insa caasaa sadarkaa konyaaleetti qindeeffaman fi qondaaloota ol-aanaa damee WBO kan daangaa seera dhorkaa keessa turan,gurmaa'iinsa konyaa wal qunnamee haaloota waliigalaa ibsuu fi lubbuun akka jiran miseensoota idileef mirkaneessuu /quba qabaachisuuf raawwatame milkaa'ee,dirqamni kun (sagantaa Waraana Bilisummaa Oromoo waaltessuu) mirkaneessu jedhamee moggaafamedha.

Waaltessuu cinaatti,qondaaloota ol-aanoo damee WBO dhimma itti fufiinsa WBO'n wal qabatu kan itti waamama qondaalota sadarkaa garagaraa bulchiinsaa,gidduu galeessa fi qondaala/ajajaa kallattii hirmaachisuun mari'atamu saganteessee hojiirra oolche.

Itti baha marii kanaa, akkaataa itti gaafatamummaa,itti waamama furmaata Gurmaa'insaa/caasaa ifatti maqaa jaarmiyaa sadarkaa daangaa aangoo fi gahee hojii isaa jaarmiyaa ergama DHIMMOOTA SIVIILII FI WARAANAA qabu murteesse.

Sochiin dirqama idilee addaa gurmaa'insaa,hojii fi humna imaammata waliigalaa quba qabaan naa qaamoota seera dhorkaan hubatame hojiitti hiikuu,karoorsuu,qindeessuu fi kkf hojii walitti fufiinsa baatii sadii hanga Adooleessa'tti hojjatamee raawwatamedha.




124 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page