top of page
  • JWBOW

IBSA BARA HAARAA FI GUYYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO/WBO AMAJJII 1 ISIN GAHE, JWBOWI IRRAA.

Updated: Dec 30, 2023

Hunda dura Ummata Oromoo, lammiilee Oromiyaa, Lammiilee Nagaa Naannoolee, deeggartoota QBO, firoottan keenyaa fi akkasumas michoota keenya dhihoo fi fagoo jirtan, baga jala bultii guyyaa WBO fi bara haaraa Amajjii bara 2024 tiin isin gahe.

Ittiin aansuun guyyaa WBO Amajjii 1 kan yaadannu injifannoo seena qabeessa WBOn marfata diinoota isaa cabsee fuulduree Qabsoo Bilisummaa Oromoo ifaa tahuu mirkanneessuu isaa bara baraan kan yaadatamu qabaachuu keenyaaf gammachuu nutti dhagahamaa jiru bu'uura godhanneeti.

Bu'uureffamuun JWBOWI haala yeroo ammaa fi baroota as dhihoo keessa mooraa qabsoo Oromoo muudateen wal qabatee fala waaraa dhimma WBO ilaalchisee taasifamuu qabu kallattii qabsiisuuf rasaasa jalqabaa Jaal Elemoo Qilxuutiin gammoojjii Baha Oromiyaa keessatti dhukaatee kaasee itti fufiinsaan rasaasa WBO hanga yeroo barruun kun qophaahaa jirutti diina nagaa didee lola filate  waxalaa kan jiru akka tahe seenaa ragaa godhatee kan hundeeffamedha.

Seenaa Waraana Blisummaa Oromoo WBOn jalqabaa hanga ammaatti galmeesse keessaa kaan fudhatanii kaan haaluudhaan osoo hin taane hunda isaaf beekamtii kannee seenessuudhaan cancala seenaa imala qabsoo hanga guduunfaatti waliin cancalamee asi gahe tahuu ragaa bahuudhaan akka tahe ibsuu feena.

Jaarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifattii (JWBOWI)  hojimaata ifattii eegaleen fufiinsa seenaa WBO duraanii fi kan hanga libsuu barruun kun qophaahaa jiran kanatti hojjataman wabii godhatee caasaa WBO bakkatti deebisuuf akka itti fufatti kan  hundaa'e/utubamedha.

 Kanneen al-seerummaadhaan maqaa WBO ofitti moggaasanii ergama diinummaa kallattii fi al-kallattiin fudhatanii ulee farreen QBO ta'anii WBO fakkaatanii socho'an dirree hidhannoo keessaa qulqulleessuuf Yeroo Hojii Idilee Addaa Keessatti Mirkaneffamee xumuruu isaa yeroo Sirriitti ragaa waliin Ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaaf ifa ni godha.

Baroota Shanan darban keessa Garee Meeshaa Waraanaa Hidhatee Waraana Bilisummaa Oromoo Idilee Fakkaataa Koonyaalee Oromiyaa Keessaa fi Bakkoota Garaagaraatti fi Qabsaa’aa Siyaasaa ,WBO duraanii , Siviilii  irratti yakka Idilee,Siyaasaa fi diinummaa tarsiimoo  aarsaa fi wareegama hin malleef isaan saaxilee ture hordofee JWBOWI itti Ajaja HumnanAddaa (Jaajjabee WBO ) garee Kanaa fi qaamota qindoominaa isaanii irratti tarakaanfii qulqulleessuu itti fufee jira.

Dhimmoota sarbama mirga namoomaa fi Siyaasaa gurmuu Waraana murna Bulchiinsa Itopiyaa ofiin jedhu moggaasa garaagaraan moggaasee Naannoo Oromiyaa keessaatti qindominaa garee WBO idilee fakkaataan sichi raawataman JWBOWI itti Ajaja WBO idileen haqinsamuun ni mirkaneessama. Baroota shanaan darban keessa kan raawwataman qoratamee akka haqi mirkaneeffamuuf JWBOWI itti Hojimaata idilee Waajjira dhimmoota Siviilii fi Waajjira dhimmoota Waraanaa Waliigalaan qaama dhimmi ilaallatu waliin qindoomuun mirkaneessamee hojiirra ooluuf hojiitti hiikamaa jira; yeroo dhihoo keessatti haalotni ni ifoomsamu.

      Ejjennoo Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa (JWBOWI)

  Bara Haaraa / Amajjii 1-2024 irraa eegalee

Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifatti (JWBOWI) Nageenya waaraa fi tasgabbiii Oromiyaa keessatti ifoomsuu fi wabii nageenyaa, sirna walqixxuummaa lammiilee Oromiyaa qaamota dhimmi ilaallatu waliin ni qindooma ni hojjeta.

Murna Waraana Bilisummaa Oromoo idilee fakkaataa fi gurmuu harcaatota waraanaa Itiyoophiyaatiin koonyaalee Naannoo Oromiyaa  sirna-dhablummaa idilee, saamicha qabeenyaa Lammiilee, dhiittaa mirga namooma, yakka safuu fi aad-maleessummaa haadholii, Shamarra, jaarsolii, maanguddoo fi daa’imman irratti aggamamee qaamota dhimmi ilaallatu waliin ta’uun waabii argamsiisuu fi furmaata hundeerraa mirkaneessuuf murteessee irratti hojjetaa kan jiru ta'uu ni mirkaneessa.

Dhimmoota Siviilii waliigalaa fi Dhimmoota Waraanaa Waliigalaa jalatti sochii qaamotni mooraa qabsoo nageenya waaraa waliigalaa Siyaasaa fi Hawaasummaa argamsiisuuf ifaajaa jiran waliin qindoomuun kan hojjatu ta'uu ifatti ni mirkaneessa.

Jaarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifatti (JWBOWI) dhimmoota waraanaa fi Siiviilii jalatti qaama dhimmi ilaallatuu fi Waraanaa Bilisummaa Oromoo dirree jiru quunnaman, walhubatan, quba akka walqabaatan ifatti karaa fi akkaataa itti raawwatamu ni mirkaneessa.

Lammiilee  Gadaa, lammiilee Oromiyaa fi Uummata Oromoo  jidduutti wal hubannoo siyaasaa, waraanaa, diinagdee, hawaasummaa, qaroominaa fi aadaa waliin jiraachuu raawatamaa jiru ni jajjabeessina yeroo fi haala kamiin keessatti gahe nurraa eegamu akka bahannu ni mirkaneessina .

Itti fufa seenaa hanga guyyaa hardhaa jiru ijaarsa JWBOWI dagalee walitti fufiinsa seenaa aarsaa moonaan qabsoo keessa darbeef beekamtii isaaf malu kennuufiin  diraqama ta'uu ofitti fudhachuu fi gaafatamummaa isinirraa eegamu bahattanii mirkaneessaa turtanii fi jirtan gara fuula durattis baallama qabdan  hunda galatni keessan Bilisummaa Uummata Oromoo fi Oromiyaa haa ta’u .

Birmadummaa Biyyaa, Siyaasaa, Hawaasummaa, Mirga Namoomaa Uummata Oromoo, Lammiilee Oromiyaa ni Mirkaneessinaa!

             Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Ifattii (JWBOWI).

                                       

                                                        Muddee 31-2023.





492 views0 comments

Comments


bottom of page