HAWWII DIINOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO FI INJIFANNOO MOORAA QABSOO BILISUMMAA OROMOO.
top of page
  • jwbo430w

HAWWII DIINOOTA QABSOO BILISUMMAA OROMOO FI INJIFANNOO MOORAA QABSOO BILISUMMAA OROMOO.

Hawwiin diinoota qabsoo Oromoo kichuutti citeera. Hawwiin diinoota qabsoo Oromoo inni angafni mooraa qabsoo Bilisummaa Oromoo kiyyoo keessa galchanii hongeessuu fi balleessuu ture.Seenaa isa baroota fagoo dhiifnee,baroota dheengaddaa 2018 yoo fudhanne Hoggantoota ABO biyyatti galchanii takaaluu,hidhuu,adoochuu fi qabsicha kiyyootti galchuu akka tooftaa jalqabaatti fudhatanii turan. Bilchinni fi Habshaalummaan Hoggantoota ABO's hubannaa fi beekumsa diinaa olitti ta'ee argame. dinoonni qabsoo Oromoo sakaaluu fi dhabamsiisuuf hojjatan,diina innikkaa fi lukeelee keessoo saba keessaa dhalatanidha.


Sirnuma walfakkaataa keessa,Mootummaama PP angoorra jiru kana keessatti si'a lammaffaaf MQBO kiyyeessuuf yaalame, hoggantoota MQBO'n irra aanamuun isaa,injifannoo Mooraa Qabsoo Bilisummaa Oromoo kan mirkaneessudha. injifannoon kun kan ABO fi WBO qofaa miti,injifannoo Ummata Oromoo gabrummaa jala jiruu dabalata.

Jarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaas,tooftaa fi tarsiimoo diinaa faana faanaan hordofee,gamnummaa fi shira diinaa saaxiluun, Qabsoo Bilisummaa Oromoo sadarkaa xumura itti tolchuu danda'utti tooftaa fi tarsiimoosaa gamaggamaa fi hojjataa aadeema.


Ummanni Oromoo deggersa roga adda addaan kana dura taasisaa ture jabeessuun,JWBO cinaa hiriiree,Hiree Mataasaa ofiin akka murteeffatuu danda'uutti,nagaa waaraa fi bilisummaa dhugaa akka argachuu danda'utti, yeroo kamuu caalaa JWBOW deggeruutu irra jiraata.

Hayyoonni Oromoo,Ogeessoonni Oromoo sadarkaa garagaraa irra jiran,Qeerroo Bilisummaa Oromoo,Jaarsolii biyyaa fi Abboonni Gadaa akkasumas jaallattoonni fi firoonni qabsoo Oromoo,MQBO cinaa yeroo dhaabatanii mirga Abbaa Biyyummaa Oromoo fi mirga lammiilee Oromiyaaf falman amma ta'uu dhaammanna.

Hawwiin diinoota Oromoos,tulluu cabbii diigame ta'eera. Oromiyaan dhiiga ilmaansaatiin walaba ni ba'a. Oromoo fi Lammiileen Oromiyaas,qabsoo roga hundaan taasifamuun bilisa ni ba'u.



46 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page