Guyyaa WBO fi Bara Haaraa 2024 ilaalchisuun Dhaamsa Hoogganaa Dhimmoota Hariiroo fi Quunnamtii Waliigalaaa, WBO irraa kename :
top of page
  • JWBOW

Guyyaa WBO fi Bara Haaraa 2024 ilaalchisuun Dhaamsa Hoogganaa Dhimmoota Hariiroo fi Quunnamtii Waliigalaaa, WBO irraa kename :

Updated: Dec 30, 2023

Hunda dura baga jala bultii Guyyaa WBO, Amajjii 1 fi bara haaraa 2024 isiniin gahe, nuun gahe!

 

Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti goototni qaqqaaliin ilmaan Oromoo wareegama jajjabaa nuuf kaffaluun imaanaadhaan qabsoo nutti dabarsaniiru. Addatti qormaata jabaa bara 1970 gara xumuraa keessa qabsoo Oromoo mudate goototni WBO lubbuu ofii kennuun, lafee ofii itti cabsanii, dhiiga itti dhangalaasanii seenaa

bara baraan yaadatamaa hafu Amajjii 1/1980 raawwataniiru. Dhalootnis isaan harkaa fuudhuun qabsoo itti fufsiisee wareegama dachaa dachaan baasaa har’a geenyee jirra.

 

Miseensotaa fi deeggartoota WBO,

 

Akkuma beekamu qabsoo Oromoo kan sakaalaa ture diina qofaadha jechuu hin dandeenyu. Kan diinaa silas beekamaa waan taheef sana irraa dubbachuu irra burjaajjii yeroo yerootti uumamaa deemu qulqulleessaa deemuun murteessaadha jennee amanna. WBO damee waraanaa ABO kan imaanaa gootota lubbuu isaanii kennanii wareegaman, kan guyyaa WBO jennee kabajnuuti. Guyyaa kana yeroo kabajnu waan lama sirnaan beekuutu nu irra jiraata. Innis Imaanaa fi galma keenya dha. Imaanaan nutti kenname xurree goototaati. Xurreen sunis WBO osoo xawalwaallummaa fi ayyaanlaallattummaan hin burjaajeffamiin damee waraanaa tahuu dha. WBOs kana hubatee, imaanaa goototaas tikfatee Oromiyaa keessatti wareegama qaalii kaffalaa qabsoo gaggeessaa jira. Kan lammaffaa galma keenyadha. Galmi keenya miiraan kan deemamu, kan injifannoo xiqqoon harka rukkuchiifannuu fi qabsaa’aa jedhamuuf qabsoofnu miti. WBOf galmi isaa wareegamee uummata Oromoof jireenya qananii fiduu dha. WBOf galmi isaa Oromoon biyya isaa Oromiyaa irratti nagaa fi tasgabbiin akka jiraatu dha. Kana waan taheef, deeggartootni, miseensotni WBO hunduu bakka jirutti dirqama ulfaataa kana namuusa guddaan akka bahatu dhaamsa dabarfanna.

 

Xumura irratti,

Kaayyoo fi galma WBOtti amanuun osoo hin nuffiin dafqa xuruurfachaa qabeenya argattan irraa kanneen WBO qabeenyaan tumsitan, kanneen haalota jiraniin, haalota uumamaniin, ololaa fi wal sakaallaa yeroo yerootti uumamaniin osoo hin burjaajja’iin damee Waraanaa, WBO waliin dhaabbattan hunda keessaniif galata guddaa qabna. Gatiin dafqaa fi qabeenya keessanii bilisummaa Oromoo fi walabummaa Oromiyaa haa tahu! Kaayyoo fi imaanaa goototaa qabeenya dafqa buustanii fiddaniin galma geessisuuf akkuma hojjettan hunda nutis isiniin duuba keenyaa qabaannaan dhiiga buusnee, lafee keenya itti cabsinee, lubbuu keenyas itti wareegnee galma geessisna. Guyyaa kabajamaa kana irrattis waadaa isiniif, waliif haaromsina.

    

    Irra deebiin baga geessan!

     Baga geenye!

                       

  Jaal Boruu Daandii

   Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaatti

Hoogganaa Dhimmoota Hariiroo fi Quunnamtii Waliigalaa




386 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page