top of page
Search

Guyyaa Gootota Oromoo(GGO) ilaalchisuun dhaamsa  Jaarmiyaa WBO Waliigalaa Idilee Ifatti (JWBOWII)

  • JWBOW
  • Apr 13
  • 2 min read

Uummatni Oromoo sirna garboomfataa jalatti erga kufee eegalee guyyaa tokko illee garbummaaf tole jedhee bulee hin beeku. Qabsoo siyaasaa fi hidhannoo wal irraa hin citne gaggeessuun wareegama qaalii kaffalee mirga abbaa biyyummaa isaa mirkaneessuuf qabsootti ture, itti jira. Qabsoon gaggeeffamaa ture hundi riqicha qabsoo uummatni Oromoo har'a gaggeessaa jiruuti. Qabsoon Maccaa fi Tuulamaa akkasumas bara 1980ta keessa tokkummaan wareegamuun qabsaa'ota Oromoo utubaa tokkummaa Oromoo tahuun yeroo ammaa kana Oromoo keessatti Guyyaa Gootota Oromoo jedhamee yaadatama. Akkasumas, Dirree lixaatti qabsaa'otni Oromoo kan Hayyuu dureen ABO, Jaal Daawud Ibsaa keessatti argaman summii nyaachifamuun qabsaa'otni Oromoo qabsoo har'aa kana dhaloota ammaatti dabarsuuf wareegama hangam akka kaffalan agarsiistuu olaanaa dha. Kun qabsaa'ota Oromoo har'aaf imaanaa guddaa dha.

Bara kana Ebla 15, 2025, GGO yoommuu yaadannu akka lamaani dha. Kan duraa, Oromiyaa keessatti wal waraansi wal irraa hin citne lafoo fi qilleensaan deemuudhaan uummatni Oromoo jiruu hamaa keessa wayita seene, yeroo sirni PP sabaa fi sablammoota inpaayera Itoophiyaa keessa jiraatan Oromootti diinomsee, diina kanas tumsuun Oromoon qe'ee isaa irratti ajjeefamu, qabsaa'otni qaqqaaliin mana hidhaa keessaa yeroo baafamanii rashanaman akkasumas goototni qaaliin kan akka Jaal Battee Urgeessaa ajjeefamuu qofa osoo hin taane yeroo haqa isaas dhabnetti waan taheef gadda guddaa keessa teenyeetti.

Dabalataan, GGO bara kanaa kan yaadannu Jaarmiyaan Waraana Bilisummaa Oromoo Walii galaa idilee Ifatti Oromiyaa keessatti waggootaaf maqaa WBOdhaan socho'uun uummata Oromoo alaa keessaa burjaajjessaa, hataa, saamaa, ajjeesaa kanneen turan maqaa ABO-WBOn kanneen socho'an Oromiyaa keessaa yeroo isa dhumaaf qulqulleeffamaa jirani dha. Hattoonni maqaa ABO-WBOn uummata Oromoof kabajaa hin qabne, seenaa qabsoo fi qabsaa'otaa hin beekne, ofitton dhaabas dhaabbatas hin qabne isa dhumaaf Oromiyaa keessaa qulqulleeffamaa jiru. Oromoon dhaaba isaa ABO fi Waraana isaa WBO cinaa dhaabbachuun qabsoo barbaachisu akka hin taasisne ololaan, burjaajjii uumuun fira qabsoo Oromoo hedduu sakaalaa as gahan. JWBOWII gantoota maqaa WBOn dhiira gudeedan, jaarsaa jaartii salphisan, nama ugguruun maallaqa fudhatan, qoricha sammuu namaa hadhoochu daldalan maqaa ABO-WBO jedhamuun yeroo ammaa miidiyaa hawaasaa qofa irratti daangeffaman kanatti xumura gochuun sirna gabroomfataa walumaan awwaala. Oromoon diinota Oromoo afaaniin wal lolan gochaan farreen Oromoo tahan kana hanga hobbaafatu qabsoo fuulduratti tarkaanfachiisuun ulfaataa tahuu hubatee Jaarmiyaa WBO Waliigalaa idilee Ifatti cinaa akka dhaabbatu, dhaaba isaa ABO akka jabeeffatu, Ololaan osoo hin burjaajja'iin wareegama Irbuu Shinniggaa akka tiksu gad jabeessinee dhaammanna.

Injifannoo uummata Oromoof!

Jaarmiyaa WBO Waliigalaa Idilee Ifatti (JWBOWIItti)

13 Ebla 2025





 

 
 
 

Comments


                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page