DUBBII IJOO JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO WALIIGALAA.
top of page
  • jwbo430w

DUBBII IJOO JAARMIYAA WARAANA BILISUMMAA OROMOO WALIIGALAA.


IBSA WALIIGALAA JWBOW.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) bara 1978 irraa hanga bara 2017 dhuma jalatti,kallattiidhaan itti waamamni isaa ABO'fidha. Xumura bara 2018 jijjiiramni siyaasaa Impaayera Itiyoopiyaa keessatti waan uumameef,hariiroon Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) fi Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) gidduu ture shira haalli uumeen addaan citeera.

Akkaataa barbaachisummaa haala yeroo bu'uura godhachuun (Hojimaata duraanii foyyeessuu fi itti fufsiisuun) hojiilee siviilii,waraanaa fi namoomaa,biyya keessaa fi sadarkaa idil-addunyaatti gurmaa'insa caasaa hojii waraanaa fi siviilii itti gaafataman waliigalaa ifatti mirkaneessa.


Tarsiimoo waraanaa,nageenyaa,namoomaa fi hariiroo waliigalaa akkaataa akeeka fi kaayyoo Waraana Bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf gargaarutti,karoorsee fi qindeessee raawwachiisuuf mirkaneessa. Tarsiimoo yeroo gabaabaa fi dheeraa,tarsiimoo tasa barbaachisan,qopheessee raawwachiisa. Dogongora hubannoo dhimma WBO shira nam-tolcheen,olola fi oduu sobaa tamsaasamaa turan,shira fi yaalii qabsoo tarsiimoo mooraa Abdii Walabummaa butuuf qindeeffaman ragaalee waliin qindeessuun saaxila baasa.

Hariiroo dantaa gar-lamaan fayyadu uumuu,hariiroo michummaa fi waltumsuu sochii WBO mirkaneessee,hojimaata ifatti hojjataman to'atee raawwachiisa.

Addatti hojiilee armaan gadii itti gaafatamummaan ni raawwata.


1.Bu'uura waliigalaa qajeelfamoota fi kallattii qopheessuun,imaammata fi karoora yeroo gabaabaa,giddu-galeessa fi dheeraa walitti qabuun,xiinxaluu fi tarreessuun qaamoota biroo waliin tumsa.


2.Akkaataa bu'uura hojii Jaarmiyaatiin,dandeettii fi qophii guddisuuf,qooda fudhattoota karaa siyaasaa fi tarsiimoo waraanaa akkamitti akka deggeran hariiroo hubannoo fi mala siviiliin,hojii waraana madaalu xiinxalee qopheessa.


3.Gita hojii fi itti gaafatamummaa tokko tokkoon qajeelfama tarsiimoo sadarkaa idil-addunyaatti waliigaltee irra ga'ame irratti hundaa'uun,imaammata haala adda ta'een qopheessa.


4.Karoora caasaan dhaabbatichi ittiin murtaa'u,gurmaa'ina kutaalee hojii fi garee hojii akkasumas akkaataa qaamoleen kun walitti hidhaman qopheessuun,karoora hordoffii to'annoo teeknikaa fi bulchiinsa waalta'e qaopheessa.


5.Karoora seensaa,baajataa (Durgoo), ergama,wixinee (Projektii) ijaarsaa fi fedhii waliin wal qabatu qopheessa.


6.Karoora caasaan dhaabbatichaa ittiin murtaa'u,gurmaa'ina kutaalee hojii fi garee hojii,akkasumas akkaataa qaamoleen kun walitti hidhaman fi itti gaafatamummaa kutaalee hojii ykn kutaalee hojii isaanii wajjiin walqabatan baasee raawwachiisa.


7.Gahee hojii fi sarara qunnamtii kutaalee dhaabbaticha gidduu jiru ifatti diriirsa.


8.Karoora hojii waliigalaa qopheessuu fi dhaabbilee karooraa biyya keessa jiran waliin dhiheessa.


9.Karoora waliigalaa fi imaammata WBO qulqulleessuun,karoora tarsiimoo waliigalaa qopheessee raawwachiisa.walitti dhufeenya jaarmiyaa,dameewwan isaan gidduu jiru fi hariiroo inni dhaabbilee biroo waliin qabaatu mirkaneessa.


10.Hariiroo waraanaa fi siviilii foyyessuu,akeeka WBO fi kaayyoo WBO hawaasa idil-addunyaaf ifooman hojiirra oolchu qindoomina alaa fi tattaaffii garee qindeessuun hojiimaata galma ga'uu qaban murteessa.



11.Itti gaafatama qooduun guddina fi milkaa'ina galmeessuu keessatti WBO'n akeeka fi kaayyoo bilisummaa Oromoo mirkaneessuuf,dandeettii addaa fi Loojistikii daran foyyeessuuf,hojiiwwan dhimma diinagdee,hawaasummaa fi siyaasaa waliin wal qabatan diriirsuun,sadarkaa giddu galeessa (Ajaja WBO)'n raawwatamaniif itti gaafatamummaa kenna.


Walumaagalatti JWBOW dhimmoota ummata Oromoof ifa ta'uu qaban fi odeessaalee ifatti mirkanaa'uu qaban, tarreessee olola dharaa fi shiroota dhokatoo ta'aan irra aanuuf gadi jabeessee hojjata. Hojimaata keessa darbaman fi injifannoolee argaman karaa arraata EWO JWBOW'tiin caalmaatti ifoomsaa adeema.


87 views0 comments
                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page