Hlogganoota, Qondaalotaa fi miseensota ABO
Hayyoota Oromoo walgahii kana irratti hirmaataa jirtan
Qondaalota Jarmyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waligalaa Ifaatti (JWBOWI)
Manguddootaa fi Hogganoota Amantii
Duraan dursa sagantaa kana kan nuuf qopheessitaniif galata guddaa qabduu jedhaa
Walagahii kana irratti argamee bakka WBO Idilee bu’ee ergaa keenya dabarfatuuf carraa argachuu koof gammachuun koo guddaa dha. Baga walarginee baga nagaa taatan.
Ani Walaabuu Gamtaan jedhama. Gaheen Dirqama koo JWBOWI keessaatti fi Ajajaa Waliigalaa JWBOWI Jaala Irbuu Lammii jalatti itti Gaafatamaa Dhimmootga Hariioo fi quunnamtii waliigalaa dha.
JWBOWI akkaataan jaaarmaan isaa akkuma quba qabdan Ajajaa Waliigalaa Jaala Irbuu Lammii jalatti Hogganaa Dhimmoota Nagaanya Waliigalaa Hogganaa Dhimmmoota Waraanaa, Hogganaa Dhimmoota Sivilii, Hogganaa Dhimmota Hariiroo fi Quunnamtii, Kutaalee WBO 7 kan Birgeedota, Cibiraalee , Humnoota Cibiraalee jalaa, Tuutota Humnoota jalatti fi Sagliilee Tuutota jalatti kan caaseffamee ijaaramee wareegama qaalee Bilisummaa fi Walabummaa Oromiyaaf Zooniilee Dhiha Wallaggaa, Baha Wallaggaa, Kaaba Dhiha Wallaggaa, Dhiha Shawaa, Kaaba Shawaa, Kibba Lixa Shawaa, Bahaa, Kaabaa fi Kibbaa Oromiyaa naannoo operationii lolaa keessatti dirqama isaa bahataa jiru dha. WBO Humna Mootummaa Itophiyaa kan ammallee humna waraanaan fi lolaan Oromiyaa of jalatti bituu itti fufuu murteeffatee lola hadhaawaa godhaa jiru waliin morma walqabee wareegama baasaa akka jiru quba akka gaariitti quba qabdu jedheen jira.
Akka hubannaaf tahutti J WBO Waliigalaa Jaarmiyaa haaraa hundeeffame miti. Jaarmiyaa kaleessas ture, xurree goototni Oromoo qaqqqaliin irratti wareegamaa turani dha. Jaarmiyaa heeraa fi seera dhaaba keenya, ABOn buluu fi tiksu dha.
Akkuma beekamu waggoottan shanan darban keessa , ammas Oromiyaan rakkoo Ulfaataa keessummeessaa jirti. Oromoon nyaaphaan qe'ee isaa irratti saamama, ajjeefama. Kun ifa galaa dha. Rakkoo Oromiyaa keessaa fi Lammiilee Oromiyaa irratti kan hammeesse dabalataan WBO Idilee fakkaattota gantoota akeeka hin qabne, Shirtoota maqaa ABO WBOn socho'an kan guyyaa tokko boolla dhokatan keessaa bahanii diina lolanii hin beekne, garuu waggoota kana hunda wareegamaaa fi injifannoo Jaarmiyaa WBO himataa turani dha. Jarri kun nama nagaa, lammiilee nagaa ni saamu, ni ajjeesu, ugguruun maallaqa gaafatu. WBO rakkoo kana keessaa uummata keenya baasuuf wareegama guddaas kaffaleera. Kaffaluudhaanis caasaa maqaa ABO WBOn ijaarmte kukkutee haxaawuun arrabaan malee gochaan duwwaa akka tahan taasisee jira. Ammas WBO jara kanaaf yeroo osoo hin kenniin Oromiyaa keessaa ni baasa. Jarri kun maquma qabsoo dhagahan malee namuusa qabsoos hin beekan. Hattuu dha. Ololtuu dha.
Caaseffamni Jaarmiyaa WBO alaa keessatti ijaaramee jira. Yeroo dheeraaf miidiyaa irratti of mul'isuu irra, na argaa na argaa irra gochaan Oromiyaa irratti hooggana isaas Dirree taasifatee kumaatama leenjifachaa biyya alaattis caasaa guddaa diriirsaa tureera. Jaarmiyaa humna qabu, Caasaa guddaa qabu, Ajajoota cichoo fi hubatoo qabu dha. Seeraa fi heeraan, namuusaan Jaarmiyaa tarkaanfatu dha.
Arraata Ejensii Burqaa Oduu irratti gabaasaaleen dhiyaataa turaniiru. Ramaddiin ajajootaa Kutaa waraanaa fi Zooniilees ibsamaa tureera. Kun marii guddaadhaan, Bilchinaan waan raawwatamaa ture dha. Carraa kanaan Arraata EBO akka nuuf jajjabeessitanis waamicha taasisna.
Oromiyaa keessa yeroo hunda lolatu jira. Lola gurguddaa deemaa ture WBO injifannoo jajjabaa galmeessaa tureera. Injifannoon WBO haala salphaan yeroo ibsamu hidhannoo irra guddaa diina irraa boojinee funyaan Finfinnee jalatti lola gaggeessuun Imbaasiiwwan garaa garaa dhimma WBO ajandaa nageenya Itoophiyaa keessatti akka kaasan taasisaa jirra. Injifannoon guyyaa guyyaan wareegamaan argamu kun akka itituuf, galii isaa akka gahuuf uummata Oromoo alaa keessaa qindeessuun, Ijaaruun qabsoo gaggeessuutu barbaachisa. Kana keessatti WBO dhiiga isaa Oromoof dhangalaasuu, lubbuu isaa wareeguus of hin qusatus. Hunduu waan danda'u hundaan gahee isaa akka bahatu waamicha taasisuu illee barbaanna.
Comments