top of page

Ayyaana Bara Haaraa Amajjii 2025 ilaalchisee Ibsa Jarmyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Idilee Ifatti (JWBOWII)

JWBOW

Ayyaana Bara Haaraa Amajjii 2025 ilaalchisee Ibsa Jarmyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Idilee Ifatti (JWBOWII)

 

Duraan dursa abbaan dhimma guyyaa injifannoo kanaa kan taatan ajajoota, qondaalota, miseensootaa, deeggartootaa fi mararfattoota WBO hundaan baga guyyaa WBO Amajjii 1, 2025 geessan.

 

Ummata Oromoo fi lammiilee Oromiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jirtan martinuu akkasumas hoogganoota ABO, miseensoota ABO, deeggartoota ABO fi michootaa/firoottan Qabsoo Bilisumnaa Oromoo guutummaatti biyya lafaa kanarra jiraattan hundi keessan baga guyyaa seena qabeessa kanaan isin gahe jenna.

 

Seenaa WBO keessatti sababa Amajjiin 1 guyyaa WBO tahee akka kabajamu murtaahuun isaa WBOn marfata diinaa cabsee injifannoo addaa galmeessuun walitti dhufee haala ho'aa taheen kabajachuu isaa kan seenaan nuuf kenne dha. Guyyaa seenaa qabeessa kanatti WBO Amajjii 1 kan baranaa injifannoolee jajjaboo bu'aa ba'ii fi wareegama ulfaataa WBOn baroota jahan jijjiirama siyaasaatu dhufe jedhameen asitti galmeesse kan yeroo kamuu caalaa adda isa taasisuudha.

 

Haaluma kanaan wal qabatee lola, ajjeechaa fi saamicha addaan hin citne kan mootummaan Itophiya Oromiyaa irratti bane fi gochoota ayyaan-laallattummaa, danta-bulummaa, gantummaa, Gareen WBO fakkaataan maqaa “ABO-WBO” jedhu of moggaasee sochoohaa ture afaanfajjii, burjaajii fi fakkeessummaa calaqqisiisaa ture irra aannee yemmuu guyyaa WBO kana kabajaa jirru Amajjii 1 Guyyaa WBO fi bara haaraa 2025 baroota dabranii caalaatti kan adda isa taasisuu dha.

 

Amajjiin 1 guyyaa WBO fi barri 2025 injifannoolee adda isa taasisan keessaa Nageenya Waaraa Ummata Oromoo fi Wabii Lammiileen Oromiyaa aragchuu qaban akkasumas haala amma keessa jirruu fi keessa turre wareegama ulfaataa baafameen milkaahina guddaa galmeessisee burjaajii mooraa qabsoo hidhannoo keessaa dhabamsisee olola WBO irratti taasifamaa tures cabsuu isaati.

Kanaaf, haalota fuul-duraa keessatti WBO fi ummatni Oromoo Tokkummaa fi gamtoominaan Nageenya isaa kabachiisuuf akka waloon socho’uu qabu JWBOWII qaama dhimmi ilaallatu hundaaf yaadachiisa. Kunis yemmuu raawwatamu waan hundaan WBO cinaa dhaabbachuudhaan akka tahu abdii Ummata Oromoo irraa qabuun akka tahe hubachuu fi ⁠

dabalataan daangaa Oromiyaa tiksuu, Kanneen Nageenya Uummata Oromoo booressan of irraa adaba itti horuuf hojjachuun keenyaa tahuu hubachuudhaani.

 

Oromoo fi lammiilee Oromiyaa bilisummaa goonfachiisuu fi Walabumma Oromiyaa mirkaneessuuf harka wal qabatanii tokkummaa fi gamtaadhaan  socho’uu akka qaban JWBOWII irra deebihee gadi jabeessee hubachiisuudhaan dhaamsa waliigalaa dabarsa.

Injifannoon addaa WBOn marfata diinaa cabsee Amajjii 1 1980 keessa galmeessee ture kabajamuu guyyaa kanaatiif sababa tahuu dandaheen booda yeroo duraatiif injifannoo boonsaa WBOn murna WBO fakkaataa fi humnoota qindoominaa diinni tarsiimoo bobbaase hunda cabsee Amajjii 1, 2025 yemmuu kabaju injifannoolee guguddoo WBOn goloolee Oromiya hunda keessatti galmeessaa ture keessaa injifannoo addaa isa taasisa.

 

Dhumarratti JWBOWII injifannoolee addaa hanga ammaa argaman irraa haala adda taheen moo'icha guduunfaa bilisummaa lammiilee fi walabummaa biyyaa dhugoomsuuf daran jabaatee hojjachuuf qabxiilee asii gadii kanneeniin ejjannoo isaa ibsata.

 

1.Nageenya Waaraa Uummata Oromoo fi Lamiilee Oromiyaa haala amansiisaa taheen mirkaneessuuf hunduu gahee keessan akka bahattan;

 

2.⁠WBO fi Uummatni Oromoo, lammiilee Oromiyaa keessaa fi alaa, akkasumas lammiileen Oromiyaa fagoo fi dhihoo jiran tokkummaan Nageenya isaanii kabachiisuuf sochii gahaa akka taasisanii fi sochii WBO kana keessatti gahee isaanii akka bahatan kallattii akeeka

 

3.⁠Ummatni Oromoo fi lammiileen Oromiyaa jiruu isaanii biyya Ormaa keessa taasisan martinuu waan hundaan WBO cinaa akka dhaabbattanii fi gahee keessan akka bahattan;

4.⁠Daangaa Oromiyaa tiksuu fi Birmadummaa Oromiyaa eeguu fi kanneen Nageenya waaraa Uummata Oromoo booressan of irraa adaba itti gochuuf hojjachuun Oromoo fi lammiileen Oromiyaa keessaa fi alaa WBO cinaa dhaabbachuun qooda waloo akka bahattan;

5.⁠Bilisummaa Lammiilee Oromiyaa dhugoomsuu fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf lammiileen Orimiyaa biyya keessaa fi biyyaa alaa jirtan hundi tokkummaan socho’uu fi safuu fi

duudhaa Oromoo kabajuu fi kabachiisuuf socho’uudhaan  gahee isin irraa eegamu bahachuun yeroon isaa amma tahuu akka hubattan. jenna.

 

Maayiirratti nageenya, sabatiinsaa fi tasgabbii waliigalaa argamsiisuuf akkasumas rakkoo daddaaqama siyaasaa hunda-galeessa kan Gaanfa Afrikaa keessatti uumameef furmaata waaraa fiduuf qoodni beektootaa fi hayyoota Oromoo fi ogeeyyoota Oromoo biyya ambaa keessa jiran eegamu olaanaa waan taheef dirqama haalli yeroo isinirraa barbaaddu bahachuuf gaheen keessan akkaan barbaachisaa tahuu isin hubachiisuun JWBOWII abdii guddaa isinirraa qabaachuu isaa gadi jabeessee dhaammata.

 

 

Gadaan Gadaa Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaati!

Injifannoon Ummata Oromoof!






                                             

191 views0 comments

Comments


                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page