top of page
JWBOW

Af-gaaffii Gaazexessituun Ejensii Burqaa Oduu Jaal Urjii Sabaa. waraanummaa Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Idilee Ifattii kan tahe JaalGammachuu Hangaasuu wajjin taasiste barreeffama

Af-gaaffii Gaazexessituun Ejensii Burqaa Oduu Jaal Urjii Sabaa.

waraanummaa Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Idilee Ifattii kan tahe Jaal

Gammachuu Hangaasuu wajjin taasiste barreeffamatti jijjiirree jirra.

Gaaffii;_

Gaafatamaa Damee Waraanummaa JWBOWII Jaal Gammachuu Hangaasuu gaafatamummaa

fi Gahee keessan nuu ibsaa,

Jaal Gammchuu;, Gahee isaanii yoo ibsan akkas jedhan. “Jaarmiyaa WBO Waliigalaa Idilee

Ifattiickeessatti qindeessaa dhimmoota waraanaati” jedhan. Itti dabaluun Ergamaa fi mul'atni

Jaarmiyaa WBO waliigaa idilee ifattii maali? Jedhuuf. Yemmuu deebii kennan “Ergamaa fi.

Mul'atni JWBOWII Hojiiwwanii fi caasaalee idilee ifatti mirkaneeffame arguudha. Ergamni isaa

immoo Gurmaahinsa caasaalee, hojiiwwanii fi itti gaafatama keessoo sadarkaa olaanaa

sadarkaa giddugaleessaa fi sadarkaa tokkoffaa diriirsee mirkaneessuudha. Ibsi kun ni dheerata waan taheef marsaaritii keenyarraa argachuun ni dandahama. saradakaa olaanaatti Qaamota dhimmi ilaallatuu fi Jaarmiyaan WBO Waraana Bilisummaa Oromoof yaada idilee fi al-idilee ittiin dabarsan sa'aatii 24 ittiin dabarsan qindeessuu fi mirkaneessuudha. Itti dabalee immoo sadarkaalee jaarmiyaatti hojiilee hojjataman dhimmoota gorsaa kan akka abukaatoo,

dhimmoota alaa, dippiloomaasii gorsitootaa fi tajaajila kan akka qabiinsa mirgootaa, qaamota

garagraa hojiiwwan mirkaneessuun qindeessan amaloota siviilii,tuqaalee sagalee dijitaala

tahanii toora TVdhaan mirkaneessuudha. Isa kaan dhaggeeffattootni keenya marsaritii irraa

dhaggeeffachuu dandahu jedheen itti amana.

Gaafii;, Mee maqaarraa yemmuu eegalluu Jaarmiyaa WBO waliigalaa idilee ifattii jechuun maal

jechuudhaa, ifatti jechuun maalif barbaachisee? WBOn ifatti hin taane jira moo? Mee gaafiilee

sadan walitti qabaa nuu deebisaa.

Jaal Gammachuu;, JWBOWII jechuun maqama isaarraa hubachuun ni dandahama, qalbiidhaan

teenyee yoo ilaallee maqama isaarraa akkaataa dirqama isaa kana hubachuun ni dandeenya

jechuudha, Offical tahee kan sochoohuu jechuudha, Jaarmiyaan kun qaama al-idilee tahe of

keessatti hin hammatu. Seera mataa isaa, akeeka, kaayyoo, ergama, mul'ata waan

qabuudhaafi ifatti kan sochoohu jechuudha, kun immoo akkaataa Jaarmiyaan kun itti sochoohu caasaa fi heera mataa isaatiin sochooha, Ifatti/Offical jedhama, darbee jaarmiyaa kana keessatti kan waraanaan hogganaman, caasaaleen kutaa kutaadhaan qoodamee jira. kan siivilii jira, kan biyyoota alaa jira, kan dippiloomaasii hojjan jira waan taheef isaan kana marsaaritii irratti kaahameera, kanaafi kan ifattii jedhameef. kan inni hundeeffame. WBOn ifa hin taane jiraa isa jedhuuf immoo WBOn ifatti hin taane ni jira, warroota jaarmiyaa kanaa fi kaayyoo kanaan hin masakamin, ofii isaanii al-idilee sochoohani,

Gaaffii;, Jechuun dhoksaatti kan ijaaramaniitu jiru jechuudhaa?

Jaal Gammachuu;, Isaan kun mootummaadhaan ijaaramuu dandahu, qaamota garagaraatiin

ijaaramuu dandahu, isaan kuni jaarmiyaa kana jalatti waan hin masakamneefi al-idileedhaan

sochoohu, isaan jiraachuu ni malu jenna.

Gaaffii;, Ummatni Oromoo biyya keessaa qabsoo hidhannoo fi qabsoo karaa nagaa keessatti

qoodi isaan qoodni isaan qabaachuu qaban maali? Garaagarummaan qabsoo karaa nagaa fi

qabsoo gama hidhannootiin geggeeffamu gidduu jiru maali?

Jaal Gammachuu;, Hayyee fayyaa tahi Jaal Urjii. ummati Oromoo biyya alaa qabsoo hidhannoo keessatti qooda guddaa qabu, diinagdeedhaan ni deeggaru, yaadaan ni dwwggaru, dandeettiidhaan ni dewggaru, maallaqni/diinagdeen isaan buusan kun immoo hidhannoo ni bita, qoricha ni bita kanaaf qabsoon ummatni biyyaa alaa kun geggeessu waraana keenyaaf murteessaadha, darbee karaa nagaadhaani immoo ummatni keenya biyya alaa jiraatu dippilomaasii hojjachuudhaan yakkoota mootummaan kun ummata keenya, waraana keenyarratti raawwatu karaa nagaa gadi bahanii xalayaa barreessuudhaan, mootummoota addunyaa beeksisuudhaan,hojjatu, isaan kaan immoo hojiilee gurguddoo hojjataa jiru jenna. Garaagarummaan qabsoo hidhannoo fi qabsoo karaa nagaa qawwee qofaadha, qabsoon hidhannoo qawweedhaan masakamee waldura dhaabbatanii wal injifataniiti, karaan nagaa immoo wanti qabsoo hidhannootti geesse kun qawween hin barbaachisu jedhanii mootummaa dura dhaabbatanii miidiyaalee adda addaatti, ummatatti dippoloomaasootatti,isa kana itti himuu jechuudha, lamaan isaanii dararamni irra gahuu dandaha, qabaoo hidhannoo keessatti kuffisanii kufuutu jira, qabaoo karaa nagaa keessas jidhamuu, dararamuu, du'uutu jira, kanaaf gargaarummaa gidduu isaanii jiru qawwee qofaadha jenuuf, Gaaffii;, Hayyee qabsoo karaa nagaa keessatti qabsoo hidhannoo lagatamuu qabaa?

Akkasuma immoo qabsoo karaa nagaa keessatti qabsoon hidhannoo balfamuu qabaa? Mee

gaaffilee kanneen irratti ibsa gahaa nuu kennaa.

Jaal Gammachuu;, Hayyee galatoomi, qabsoo karaa nagaa keessatti qabsoon hidhannoo

balfamuu hin qabu, lamaan isaaniyyuu wanta isaan dhabantu jira, qabsoo hidhannoo keessatti

wanti gara qabsoo hidhannootti geessetu jira, namni tokko jaalatee qabsoo hidhannootti seena miti, qabsoon karaa nagaa itti cufamee jennaani, yeroo kana yeroo qabsaahu immoo

qabsaahaan sun wanta mirga dhala namaaf geggeeffamu wanta barbaadamu sana karaa

siyaasaa waan gaafatamaniif lamaan isaanii saantima tokko garaagarummaa hin qaban, tokko

isa tokkorraa balfamuu hin qabuun jedha, kanaaf qabsoo hidhannoo keessatti karaa nagaa

qabsaahuunii fi karaa hidhannoo qabsaahuun wanta barbaadan sana galmaan gahuudhaaf

waan taheedhaafi wal dura dhaabbachuun hin jiru, kanaafi lachuu qaama saantima tokkoo

gamaa gamanaatii jechuudha.

Gaafii;, JWBOWII hundeessuun mee maalif barbaachisee?

Jaal Gammachuu:, JWBOWII hundeessuun wanta barbaachiseef offical tahee heera dhaabaan

masakamee, heera waraanaa guutee, qabsoo hidhannoo kana keessatti sabaa fi sab-lammoota Oromiyaa keessa jiran ofitti qabatee mirga cunqurfamoota kana immoo isaaniinis kabajee warroota al-idileerraa adda baasuuni kan inni hundeeffame, heera dhaabaadhaan akka bulamuufi kan inni hubdeeffame,warroota al-idileedhaan sochoohanii ummata keessa deemanii ummata miidhan isaan kanarraa offical tahee akka dhaabaa heera dhaabaan sochoohuudhaafi,

Gaafii;, Hayyee JWBOWII guyyaa of labsee eegalee Ejensii Burqaa Oduu irrattii humna namaa

ramaduun haala kanaan ifoomsamuun haala QBO keessatti mul'atee hin beekneedha, mee

kanarraa maaltu hubatamaa? Maalif akkasiin ramaduun barbaachisee?

Jaal Gammachuu;, Ejensii Burqaa Oduu irratti kan inni labsameefii JWBOWII Oromiyaa irraa

kaasee hanga biyya alaatti caasaalee diriirsee jira. Caasaalee diriirse kana immoo ifatti Ejensii

Burqaa Oduu irratti kan inni baaseefi hundumtuu gita hojii isaadhaa, aangoo fi gahee hojii

isaadhaa achirraa argachuu dandaha jedheeti kan inni Ejensii Burqaa Oduu irratti maxxanseef,

Isa kanarraa kan inni hubatamuu Jaarmiyaan keenya kan inni qabsoo geggeessaa jiru mirga

isaa fi waan dhabe sana araguuf waan taheefi Ejensii Burqaa Oduu achirratti namoota

barbaadan quunnamuu dandaha waan taheefi achirratti maxxanse.

Gaafii;, Jaal Gammachuu gara JWBOWII kan dabalamtan akkamittii? Moo isintu hundeessee? Jaal Gammachuu;, JWBOWII keessatti akeekaa fi heera dhaabichaa kabajeen itti dabalame, akka nam-tokkootti gahee koo raawwadheen jira,

Gaaffii;, JWBOWII hidhata ABO qabaa?

Jaal Gammachuu;_ Kana keessatti JWBOWII heera ABOtiin bula, heera dhaabichaa ni kabajas

ittiin bulas.

Gaaffii;, Akkas taanaan JWBOWII hidhata inni ABO wajjin qabu heeraa fi seera jalqabaa ABOn

ganamas ittiin bulaa as gahe hordofa jechuudhaa?

Jaal Gammachuu;, Eeyyee kanuma hordofa, Wanti jaarmiyaan kun isarraatii adda tahe hin

qabu, duraanuu jaarmiyaa ABO keessaa jaarmiyaa WBO ifattii jedhe kun qaama ABOti.

Gaafii;, Egaa Jaarmiyaan kun akka maqaan isaatiin hundeeffamee gadi baheen gaafiilee

hedduutu itti ka'aa ture. Akka fakkeenyaatti maqaan HD ABO Jaal Daawud Ibsaa duukaa ka'aa ture. Dhuguma HD ABO Jaal Daawud Ibsaatu hoogganaa? JWBOWII kana?

Jaal Gammachuu;, JWBOWII kana akkuma Ejensii Burqaa Oduu irratti labsamee fi gahee hojii

gita gita isaatiin namoota hundaaf qoodeera.

Gaafii;, Warroota hundeessan keessatti akka ati qooda fudhatte duratti naa ibsitee waan jirtuufi.

Jaal Gammachuu;, Eeyyee kanaafii aangoo fi gahee hojii achuma achi keessatti labsamee fi

dirree irratti ajajoota, hoogganoota immoo biyya alaatti, hojiidhaan qoodeera, inni kun immoo

JWBOWII damee ABOrraa adda waan of dandee miti, caasaa dhaabichaa ykn jaarmiyichaan

bula, kanaadhaaf immoo HD ABO immoo ABOdha Hooggana, siyaasicha waan hooggananiifii

kanaaf Jaarmiyaan keenya immoo achi jalatti hoogganama,

Gaafii;, Dirqama QBO bahachuuf dhimmi JWBOWIItiif HD ABOrraa kallattiinis tahe

al-kallatiidhaani siif akeekameeraa?

Jaal Gammachuu;_ Karaa kanatti HD kan JWBOWII warroota al-idilee tahan hin

keessummeessu warroota jaarmiyaa kana jaltti hoogganaman qofa kan inni hammatee

sochoohaa jiru,

Gaafii;, Dhimmoota hojimaata JWBOWII milkeessuufi mee hanaga ammaatti wanti itti milkooftan

jiraa?

Jaal Gammachuu;, Asumaanii Ejensii Burqaa Oduu carraa kana argadhee baga gammaddaniin

jedha, maaliifii jaarmiyaa jalatti waan hoogganamtaniif kunuu milkii tokkoon jedhaa, darbee

dirree kaasee Oromiyaa caasaa isaa hunda biyya alaatti diriirsee hojjachaa jira, kana immoo

Ejensii Burqaa Oduu irratti maxxansee jira, aangoo fi gahee hojii jaarmiyaan kun qabu hunda

qoodee leenjii gabaabaa kennee bobbaasee hojii guguddoon hojjatameera, dadhabbiin

waggoota dheeraa itti dadhabamaa dhufeen walqabatee kunoo amma teenyee waliin haasaa

jirru kanatti milkii guddaan argameera,

Gaafii;, Erga hundeeffamee kaasee adeemsa jiru keessatti akka hanqinaatti wanti isin muudate

jiraa?

Jaal Gammachuu;, Akka hanqinaatti wanti nu muudate yoo jiraate wantootni waarmiyaa kanaaf

kan akka meeshalee electoronics haa tahuu, yeroo yeroodhaan hojiin kun furgahee

hojjatamuudhaafis wantootni danqaalee tokko tokko ni jiru, isa kanarraa kan hafe hanqinaaleen hamma kanatti jira jennee hin yaadnu,

Gaaffii;, Mee gara fuulduraa karoora hojii lafaa qabduu? Haala yeroo ammaa JWBOWII irra jiru

ummata Oromootiif ibsaa.

Jaal Gammachuu;, Hundumtuu gita gita hojii isaatiin damee waraanaa, damee siivilii biyya alaa

jedhamanii qoodamanii gaheen hojiin isaanii qoodamee jira, karoora hojiis lafaa ni qabu, kanaaf gara fuulduraattis karoorri baafamee lafa ni jiraa, hunduu ittiin hojjataa jira, haala yeroo

ammaatti irra jiru ummatni Oromoo Oromiyaa keessa jiru quba ni qaba ifatti tahaa jira, diina

dura dhaabbatee lolaa jira, media adda addaarratti, Ejensii Burqaa Oduutis yeroo yerootti ni

gabaasa, sansakkaa fi heera mataa isaan sochoohee ummata Oromoo fi ummattoota

cunqurfamoo Oromiyaa keessa jiran kabajee yeroo hundumaa lolatti jira waan taheefi waraanni keenya haala gaariirra jira,

Gaafii;, Ummata keessaa gaaffiin garagaraa ni ka'a, kan akka saamichaa, nama qabanii

maallaqa gaafachuu, Oromiyaa keessaa bakkoota garagaraatti ni mul'ata, JWBOWII kun achi

keessaa qooda fudhataa jira moo? Akka keessanitti tarkaanfii fudhachaa jirtu moo? isa kana

gama keessaniin maal jettuu? Maal yaadaa jirtu?

Jaal Gammachuu;, Isaan kun warroota al-idileen hoogganamaniidha, warroonni ummata

saaman, maallaqa gaafatan, dararaa ummata Oromoorratti raawwtaan, isaan kun hundeeffamni isaaniis warroota caasaa kana jalatti hin hoogganamneedha, isan kana waraanni keenya bakka

argetti tarkaanfii irratti ni fudhata, maaliifii waan ummata Oromoo miidhu, waan ummata Oromoo dararu waraanni keenya yoo arge bira darbu, Jaarmiyaa WBO Waliigaa Idilee Ifattii tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata, garuu warroonni kun qaama hin beekamne qaama al-idilee tahaniin hooggamanii ummata dararaa jiran, akeekaa fi kaayyoo naamusa dhaabichaa hin beekan,

Gaaffii;, Gaaffii kiyya gara xumaatti fidaan jira, waan abo wbo jedhamee himamaa jiru irratti

waan nuuf ibsitan jiraa?

Jaal Gammachuu;, Akka maqaatti yeroon ibsu maqaa abo wbo jedhu kana gidduu jecha

kiishootu jira, akka kootti jechi kiishoon immoo jaarmiyaa tokko keessatti gala jedhee hin yaadu, maaliifii kiishoon kan inni barbaachisu, kan inn fayyadu, maq-ibsii, fakkeenyaaf;_ muka jala.

muka jala ni taa'ee ni du'ee, ni kufee, ni rafee hin beekamu, kanaadhaafii akka kootti maqaa

kiishoo kana fayyadamuunii hin tahuun jedha, akka dhaabaatti immoo abo wbo kan jedhu

dhaaba tahuu isaa hin beeku, dhaabni tokko yeroo hundeeffamu heera mataa isaa qaba, seera mataa isaa qaba, akeeka mataa isaa qaba, ergama qaba, mulata qaba, aasxaa mataa isa qaba, alaabaa mataa isaa qaba, abo wbon waan kana guutee jira jedhee waan beekus hin qabu, waanan arges hin qabu, jaarmiyaan tokko akka seera addunyaatti isa kana yoo guutee

ummaticha bakka bu'e sanaaf qabsaahuu dandaha, yoo callisee akka maxxantuutti jaarmiyaa

tokkotti hirkatee adeema tahe immoo yakkaanuu nama gaafachiisa jechuudha, maalifii

aasxaanis, kaayyoonis akeeknis itti maxxanee jiraata taanaan kaan itti maxxanee ofii sochooha taanaan akka seera addunyaatti hin eeyyamamu waan taheef seeraan nama gaafachiisa. waan abo wbo jedhu kana waan arges waan dubbises akka heera jaarmiyaa heera dhaabaa tokkotti waan arge hin qabu.

Gaaffii kiyya xumureen jira,mee ummata Oeomootiif dhaamsa dhaamtan yoo qabaattan.

Jaal Gamachuu;, Nuti akka JWBOWII ummata Oromoodhaafi dhaamsin ani dhaamu yoo jiraate

uammati Oromoo dararaa mootummaan irraan gahu dararaa ummata irratti raawwatu gocha

suukanneessaa ummata irratti raawqatu kana dhaabisisuudhaaf waan dhabne kana

deebifachuuf,mirga gaafanne kana argachuudhaaf ummatni Oromoo waraana kana bira

dhaabbachuu qabaan jedha, waan dhabne kana argachuudhaaf waraana kana jabeessuun

dirqaman jedha,

Jaal Gammachuu Hangaasuu JWBOWII ilaalchisuudhaan ibsa bal'aa dhaggeeffattootaa fi

hordoftoota Raadiyoo Ejensii Burqaa Oduuf waan nuuf laattaniif galatoomaa ulfaadhaa isiniin

jenna.



172 views0 comments

Comments


bottom of page