Ijifannoo Qabsoo Oromoo keessaa tokko dammaqiinsa qorqalbii ilmaan Oromoo sadarkaa itti aanutti ceesisuudha. ABO'n qabsoo taasisaa ture keessaa inni tokko gulantaa Sabboonummaa Oromoo fiixee kufe hin cabne irra teesisuudha. akka tarsiimootti immoo mooraa siyaasaa diinaa keessatti quuqamtoota sabaa barsiisuu,ijaaruu,fo'uu fi gara mooraa qabsoo bilisummaatti hammachuudha.
Fkn: kanaa kan ta'u ABO'n Mootummaa Dargii keessatti caasaa mataasaa ijaarrachuun,jarmiyaalee kan akka ICIHAT (WAL'AANSOO UMMATA CUNQURFAMTOOTA ITIYOOPHIYAA) ,MALERID,SADAD FI WAZLIIG Keessatti caasaa ABO ijaaruun akeeka ABO galma geessuuf yaalamee turedha.
Bara Mootummaa IHADEG olaantummaa TPLF keessattis ABO'n caasaa dhokataa ijaaruun angaa'oota mootummaa keessaa fi Janaraalota loltuu keessaa ijaaruun qabsoo mooraa bilisummaa Oromoo keessatti qooda mataa isaanii akka bahatan taasiseera.
Fkn: J.Kamaal Galchuu waraana isa jalatti hogganaman,J.Hayluu Gonfaa,J.Abbabaa Garrasuu,K.Gammachuu Ayyaanaa'faa dabalatee akka mooraa diinaa haphisan gochuu keessatti ABO'n hojii guddaa mooraa diinaa keessatti hojjataa ture.
Tibba kanammoo mooraa IHADEG durii bakka lamatti cabe,mooraa PP ammaa olaantummaa OPDO'n gaggeeffamu kana keessatti ajjeechaan gara jabinaa,yakki dararaa hamaa ,yakka Malaammaltummaa fi rakkoon bulchiinsa gaarii hammaatee dhufuun warraaqsi murna PP keessatti dhalachuu isaa argaa jirra.
Maddi warraaqsa kanaa sababoota hedduu qabu tarreessuun danda'amus,dhiibbaan Qabsoo Bilisummaa Oromoo isa angafadha. hammuma qabsoon ABO fi WBO'n gaggeeffamu jabaachaa dhufetti,utubaan mooraa diinaa ollachuu eegala. jeeqamuun mooraa diinaa dhiibbaa qabsoo Oromoon dhufaa jiru ta'uu hubannee,Qabsoo keenya bifa ititaa ta'e fi jabaateen itti fufuun injifannoo Oromoo bakkaan gahuu qabna.
Yakka sanyii duguuggaa,yakka beela meeshaa waraanaa godhachuu,yakka dhukkuba tooftaa meeshaa waraanaa godhachuu,yakka hidhaa namoota qulqulluu fi dhaaboota siyaasaa waltajjii dhowwuu kana,irraa jalaan kan itti gaafatamu deggertoota,miseensoota fi angaa'oota mootummaa PP ta'uu hubachiifna. carraa kanaanis,yakkoota armaan olii jalaa of baraaruuf humnoota shiraaf waxxisan jabeessinee saaxilla. haa ta'u malee yakkoota armaan olii eeraman raawwachuusaa amanee kan Mooraa qasboo bilisummaa Oromootti deebi'uu fi harka laachuu barbaadanif balballi Qaboo Oromoo banaadha. darbees,yakka Mootummaan keessa turan uummata Oromoo irratti raawwataa ture fi jiru akka saaxilan,akka Mootummicha irrattis dhiibbaa kallattii hundaan taasisan gamanumaan waamicha Oromummaa taasisuun,Ummata isaanii dabaan dararamaa fi ajjeefamaa jiru cinaa akka dhaabatan waamicha keenya dabalataati.
Comments