Hooggansa fi Ajaja Waliigalaa JWBO | Jaarmiyaa WBOW
top of page

Ibsa  Gurmaa'insaa Caasaa  hojiiwwan  fi itti gaafatamummaa idilee  Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa/The General structure, ordinary functions and responsibilities and  description of the Oromo Liberation Army   (OLA. )

Gurmaa'nsa Caasaa idilee - J.W.B.O.W / G.O.O.L.A - ifatti /Officially

1. Sadarkaa hooggansa olaanaa Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo waliigalaatti Ajaja/Hooggansa Sadarkaa olaanaa:Mooraa Abdii Walabummaa Oromiyaa keessatti caasaa WBO fi siviilii, waraanaa fi qaamota isaa qindeessee qajeelchuu akkasumas Gaafatamtoota/hoogganoota Sadarakaa Hooggansa Giddu galeessaatiif kallattii akeekuudha.

2. Sadarkaa hoggansa giddu galeessaa

Hojjetoota Sivilii fi Qondaalota Waraanaa Sadarkaa Dameelee Jaarmiyaatti Qajeelchota, kutaalee fi Birkiilee itti Gaafatamaa/Hoogganan (Hojii raawachiisani fi qindeessan)

3. Sadarkaa bulchiinsa kallattii

Qindeessitootaa fi Gaafatamtoota wajjiiroota biyya alaatti gita hojii garagaraa Hoogganaanii Ajajoota waraanaa koonyaa ajajajnii gadi jiran.

4. Akkaataa gurmaa’ina teessuma lafaa :

• Wiirtuu jaarmiyaa waliigalaa /waajjira Barreessaa fi hoogganaa jaarmiyaa WBO biyyaa keessaa

• Damee waraanaa hojiilee Ajajaa WBO jalatti hojjetaman (operation)

• Waajjira biyyaa alaa dhimmoota sivilii fi waraanaa hordofu 5. Tartiiba quunnamtii :

• Mooraa Abdii Walabummaa Oromiyaatti Jaarmiyaa waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa.

• Jaarmiyaa WBO waliigalaatti Waajjira Barreessaa jaarmiyaa WBO waliigalaa.

           

 • Waajjira Barreessaa Jaarmiyaa WBO waliigalaatti hooggansa sadarakaa olaanaa.

• hooggansa sadarakaa olaanaatti hoogansa sadrkaa giddugaleessaa

• hooggansa sadarakaa giddu galeessaatti hooggansa bulchiinsa kallatti.

𝐆𝐮𝐫𝐦𝐚𝐚’𝐢𝐧𝐬𝐚 𝐂𝐚𝐚𝐬𝐚𝐚 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐊𝐨𝐫𝐞𝐞 𝐌𝐚𝐧𝐚 𝐌𝐚𝐫𝐢𝐢 𝐉𝐖𝐁𝐎𝐖𝐈 𝐢𝐟𝐚𝐭𝐭𝐢 (𝐇𝐨𝐨𝐠𝐠𝐚𝐧𝐬𝐚/𝐀𝐣𝐚𝐣𝐚 𝐖𝐚𝐥𝐢𝐢𝐠𝐚𝐥𝐚𝐚 𝐉𝐖𝐁𝐎𝐖𝐈 𝐢𝐟𝐚𝐭𝐭𝐢𝐢

𝟏.Barreessaa Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Idilee Ifattii .

2.Gargaaraa Barreessaa Waliigalaa Fi Qindeessaa Hojimaata JWBOWI ifattii .

3.Hoogganaa Arraata Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa Idilee Ifattii .

4.Hoogganaa Dhimmoota Hariiroo Waliigalaa JWBOWI ifattii .

5.Ajajaa Waliigalaa Humna Addaa WBO(Jajjabee ).

6.Ajajaa Waliigalaa WBO Idilee

7.Itti Gaafatamaa Nageenya Keessoo WBO Waliigalaa.

8.Hoogganaa Dhimmoota Waraanaa Waliigalaa.

9.Hoogganaa Dhimmoota Sivilii Waliigalaa.

10.Hoogganaa Dhimmoota Seeraa fi Gorsaa Waliigalaa.

9.Gurmaa’insa Caasaa Hojii Sadarkaa Gidduu ( Sadarkaa 2ffaa )

A.Waajjira Dhimmoota Waraanaa Jalatti

1.Damee Karooraa Fi Humna Namaa

2.Damee Qindoomina Waraanummaa

3.Damee Qindoomina Keessoo

B.Waajjira Dhimmoota Siiviilii Jalatti

1.Damee Walgargaarsa Hawaasummaa Fi Maallaqaa

2.Damee Haala Mijeessaa Dhaabbilee Mitimootummaa Fi Mirgoota Namoomaa

3.Damee Qindoomina Siviilii

4.Damee Qindoomina Alaa

C. Waajjira Dhimmoota Hariiroo Jalatti

1.Damee Hariiroo fi Quunnamtii

2.Damee Miidiyaa fi Odeeffannoo

3.Hojimaata Sab-Quunnamtii Gurmaa’insa Caasaa Hojii Sadariaa Gidduu ( Waajjira Dhimmoota Siviilii,Waraanaa fi Hariiroo )

10. Aangoo fi Gehee Hojii -J.W.B.O.W / G.O.O.L.A - ifatti /Officially

Aangoo fi Gahee Hojii waliigalaa : Hojimaata waliigalaa karooraa fi tarsimoo / Imaammata kaayyoo WBO hayyamuun dhimmoota siviilii fi waraanaa karoorsuu, caasaa gurmaainsaa hojii sivilii qindeessanii fi hojjetan raggaasisu /murteessu, Qaamota mooraa qabsoo Oromiyaa keessaa, qaamota qindoominaa humna Waraana Bilisummaa Oromoo fi caasaa siviilii isaa wajjin hojii walfakkaataa qaban murteessuu.

Gurmaa'insa Hojiilee idilee -

 JWBOW / GOOL.A - ifatti /Officially

Caasaa gurmaa’insa hojii fi humna namaa qubsuma lafaa murtessuu, qaamota hojii bakka bu'ummaan hojjetaniif xalayaa beekmtii kennu, jijjiirama gita hojii fi bakkaa kennuu, gaafatamummaa daangaa hojii WBO murteessuu; ibsa ejjennoo, balaaleffannaa, kennuu.

Ibsa Hojii  JWBOW Waliilagalaa  / GOOLA - ifatti /Officially

Ibsa Waliigalaa Jaarmiyaa WBO Waliigalaa

Tajaajila waliigalaa itti waamamni Damee Waraana Bilisummaa Oromoo duraanii Adda Bilisummaa Oromoo - A.B.Ofidha.  Bara 1978 irraa hanga 2017tti gaafatamummaa waliigalaa fudhataa ture. Xumura 2018 hidhatni kun shiraan addaan citee akkaataa barbaachisummaa haala yeroo waliigalaa bu`uura godhachuun /fooyyessuun itti fufsiisuun hojiilee sivilii, namoomaa fi waraanaa biyya keessaa fi sadarkaa idil-addunyaatti Gurmaa`insa caasaa hojii waraanaa fi sivilii waliigalaa ifatti mirkaneessaman itti Gaafatamummaa ifatti mirkaneessuu;

Tarsiimoo waraanaa, nageenyaa, namoomaa fi hariiroo waliigalaa akkaataa akeekaa fi kaayyoo Waraana Bilisummaa Oromoo mirkanaahuuf gargaarutti karoorsee qindeessee murteesse, raawachiisee mirkaneessuu. Tarsiimoo yeroo gabaabaa, dheeraa fi tasa barbaachise qopheesse raawachisuu. Dogoggora hubannoo waa`ee WBO shira nama tolcheen oduu sobaa tamsaasamaa ture, sobaa fi shira nama tolchee dantaa siyaasaaf jecha sabotejii diinota tarsiimoo mooraa Abdii walabummaa ta’nii qindeesse ragaa waliin dhiheesse mirkaneessu;

Hariiroo dantaa garalamaanii faayyadu uumuu, hariiroo michummaa fi waltumsaa WBO mirkaneessuu, hojimaata waliigalaa ifatti, hojjetaman to`achuu fi raawachiisuu..

                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page