top of page

Ibsa waliigalaa /duuchaatti Akkaataa qoqqoodiinsaa  Miseensota idilee -  ifattii  Damee WBO duraanii.

ibsa waliigalaa ; Murna "Bulchiinsa RFDE” jedhee of yaamuun Butaman, Magaalaa keessatti ifatti wareegaman (Murna kanaan ajjeefaman),mana ukkaamsaa dhoksaa jiran, dhugaa malee murtii yeroo dheeraa itti murteeffame mana hidhaa garaagaraa keessaatti dararamaa jiran, qindoomina qaamota keessoo fi ormaa murna kanaatiin golgaa araaraatiin /sabotejii dalagameen dirree turani galfamanii hidhaman, wareegaman [ Murna kanaan ajjeefaman ], diinaa keessoo fi alaan kan butamee achi buuteen isaa addaan hin baafamne, utuu gara koonyaa maatii biratti galaa jirani fi gurmaa'insa caasaan isaa /WBO karaa jiru achi buutee dhabamanii wareegaman fi humnoota ergama murna kanaa qaban/WBO idilee fakkaataanii tohatamanii qaamaan hir'atan, wareegaman akkasumaas WBO idilee addaa keessatti dirqama isaanii bahataa utuu jirani dirqama kallattii irratti wareegaman, miseesoota WBO sababa garaagaraa hin beekmneen siviilii tahanii biyya keessaa fi biyyoota alaa garaagaraa jiran fi gurmaa'insa Jaarmiyaa WBO Waliigalaa jalatti sadarakaa Olaanaa, Gidduugaleessaa fi sadrkaa Bulchiinsa Kallattii keessatti dirqama bahataa jiran.

13. Ibsa akkataa turtii Idilee Addaa bara 2018 irraa hanga 2020 keessa ture duraanii kan Ifattii hin taane

Gurmaa'insi Damee WBO idilee akkaataa qubsuma lafaatiin diriirfame qubsuma lafaa biyya ollaa fi WBO ergama idilee Oromiyaa keessatti ifatti tureedha. Baay'inni WBO dirqama idilee ifatti Oromiyaa keessaa bahataa turantu heddumina qabu /caalu. Bara bulchiinsi nama nyaataa, sarbaa mirga namoomaa,qabeenya nama dhuunfaa fi biyyaa saamaa fi gocha saboteji uumee ittiin qabsahaa yakkaa TPLF fI Itti waamamoo isaa (bulchitootaa naannoolee) qabsoo uummata Oromoon dhabmsiisamee barbadeeffamee booda TPLFtti murni isaa karaa qaxxaamuraa/al-seerummaatiin Aangoo RFDE dhuunfate WBO biyya ollaa irraa karaa seera qabeessaa biyya seenee Bulchinsa Naannoo Oromiyaatti konyaa Arsii kaambii Ardaayitaa jedhamu Finfinnee irraa karaa kallattii Kibba Bahaan fegeenyaa kiloomeetira 390 irratti argamu keessa qubsiisame;

   

WBO Erityaa irraa biyyaa seenee kaambii Ardaayitaa qubsiifame. Akkuma Addi Biisummaa Oromoo ifatti biyya seenee booda turtii ji'a lama hin caallee keessatti haalotni jal'inaa mumul'atuu eegalan. Baatii sadaffaa irrattii duula maqa-balleessii /PIROPOGAANDAA karaa sab-qunnamtii hawaasaa irratti caasaa AL-IDILEE FI QAAMOTNI hidhata bulchiinsa “Jijjiirama” jedhee of yaamuun sabotejii wal shakkii fi diigumsaa uumuuf isa takka garee godhanii balaaleffachuu fi isa yakkan akka gantuu godhanii mul'isuu eegalan. Hanga yeroo taateen kun eegalame qondaalonni WBO dirree qabsoo jiranii fi kaambii Ardaayitaa jiran ergama duula maqa-balleessii WBO dirree jiran irratti eegalame. Damee WBO irraa ifatti wanti jedhame hin jiru ture.

Qondaalotni fi miseensotni WBO kaambii keessa jiran Hoogganoota koree hojii raawwachiiftuu Adda Bilisummaa Oromoo dubbisuu murteeffatee ergaa karaa qaama dhimmi ilaallatuun dabarfate. Hoogganni ABO akkuma ergaan “nu dibbisaa” isaan qaqqabeen Jilli hogganoota ABO Jaal Abdii Raggaasaa, Jaal Yaddii Abdushukurii fi kaanis hammate gara kaambii Ardaayitaatti WBO dubbisuuf imalanii hoogganootni fi qondaalotni WBO waltajjii marii waraanaa uummachuuf utuu qophiitti jiranii Murni Gochaa al-seerummaa, aad-amaleessa fi shororkeessummaa uumuun hojii isaa idilee tahee (TPLFtti murna jijjiiramaa) jila hoogganaa ABO akka WBO hin quunnamee fi hin marihanne danqaa sabotejii raawwatee mirkaneesse.

Qondaalonni WBO sana irraa WBO kaambii keessa jiruu fi dirree jiru irraatti TPLFtti murna bulchiinsa Itopiyaa Gocha Ergama sabotejii WBO falmataa bilisummaa uummata Oromoo utuu hin taane waraana ergama ebeluu raawwataa fi Hokkora al-seerummaa taaktiika wal amantaa dhabsiisuu fi kan kana fakkaatan kallattii garagaraatiin sochiin maqa-balleessii ifattii raawwate.

Miseensi qondaalota WBO haalota farrummaa addaan baasee, galma dhokotaa isaas addaan baasee beekuun dirqama /dhimma isaa ijoo fardii godhachuun akkuma haala isaa mijatetti dhimma bahee tarkanfiilee fudhachuu qabu walduraa duubaan hojiirra oolche. Akkasumas bu'aa xiinxixala haalotaa fi tahu malaa taakktiikicha haala dhufu kamuu ofirraa ittisuu fi sagantaa Jaallummaa jidduu isaanii jiru daran jabeefachuu fi ololaa fi porpogaandaa murna kanaaf gurra hin kenninuu irratti waliigalan.

Qondoolanni ergama sabotejii kana duubaan jiruu fi qaama jiran addaan baasee bira gahuuf /odeefannoo dabalataa argachuuf Jaarmiyaa Q.B.Otti Qaruuxee Q.B.O. karaa ifatti hin taaneen odeeffannoo qindaahaa argachuuf quunnamuu murteeffaate.

  

Akeekaa fi kaayyoon TPLFtti murni bulchiinsa Itoopiyaa karoora bal'aa sagantaa yakka qindaahaa WBO kaampii jiranii fi dirree falamaa irra jiraniif qophii xumuree sadrakaa itti lixa mirkaneessuu irra akka jiran addaan baafame.

Sagantaan kun akka waliigalaatti Adda Bilisummaa Oromoo diiguu /bittinneessuu WBO kaampii jiran booji'uu fi WBO dirree jiran Hiikkachiisuuf kan yaadame tahuu adda bahe;

Kana mirkaneessuuf qaamota garaagaraa hawaasa sivilii /uummata Oromoo itti waamanii fi humnoota waraanaa alarraa ergifannaa /waltumsaa ,waliin qindaahaa ,waraana maallaqaan kireeffame gurmeeffate.

Gocha ergama ajjeechaa qondaalota WBO ol-aanoo sadrakaa dameetti, qondaalota giddu galeessaa raawatan Humnoota Gcha shororkeessummaa, gocha yakka qindaahaa, waraanaa humnoota gocha hokkora siviilii sanyiin wal waraanuu raawwatan, homnoota WBO idilee fakkaatanii saboteji raawwatan, humnoota basaasaa, kanneen haalota qoratan, iccitii keessoo sakattahanii argatan, humnoota eenyummaa qondaalota waraanaa fi qaruuxee karoorsan fi qindeessan bira gahan /argachuu raawwatan ... RFDE itti Bulchiinsa Naannoo Oromiyaatti bobbaasuun raawwatan. Humnoota badii kana Biiyyoota alaarra galfatee Oromiyaa keessaa teessuma lafaa naannoo qondaalotni istartejii fi Ajajoota WBO nan argadha jedhee yaade hundatti qubsiise.

Shorokeessummaa fi yakkoota sarbamiinsa mirga siviilii raawwatan, humnoota ergama qaruxummaa fi basaasummaa riqicha caasaa lojistiksii WBO magaalaa addaan baasanii ciran humnoota ergama gocha al-seerummaa fi ajjeechaa ifatti caasaa al-idilee WBO magaalaa keessaa adamsee ifatti ajjeesu akkasuma TPLFtti murni bulchiinsa MAAFIYAA kun humnoota garaa garaa Humna WBO fakkaataa diriirsee ergama WBO fakkaatu qabu yakkoota idilee uumata Oromoo irratti SAAMICHAA FI SHAMARRAN GUDEEDUU RAAWWATE MIRKANEESSUUF bixxalame. Akkasumas qaamota WBO al-kallattiin itti waamama isaatiif tahu Waraana Bilisummaa Oromoo idilee / Fakkaataa ergama sabotejii shira Kaayyoo waliigalaa WBO, duudhaa fi safuu Oromoo cabsuu fi sansakkaa WBO ittiin masakamu kan Ummata Oromoo fi hawaasa idiladunyaa biratti fudhatamaa fi beekamtii qabu Gocha shiraa raawachuun shakkii keessa galee amanamummaa fi abdiin WBO fi uummata jiddu jiru boorahee addaan akka cituu fi hawaasni idil adunyaa kaayyoo fi akeeka WBO akka balaalefatuuf murna badii kanaan gochi shorokeessummaa kun karoorfamee qindaaheen WBO idilee fakkaatan konyaalee Oromiyaa keessa qubsiise.

Qondaalonni dirqama addaa Ifatti hin taane qindeessan sagantaa karoora hojiilee dirqama addaa idilee hojjetaman / Hojiiwwan yakka gurmaa’ee fi shororkeessummaa Ajjeechaa qondaalota WBO waliigalaa, sabotejii, maqa-balleessii, hokkara mirkaneessoo, akeekaa fi kaayyoo WBO fudhatama dhabsiisuu mirkaneessu ittisuuf kaayyeffatan irratti dura dhaabbatu, qolatu, ittisu, adamsee laamshessu fi ittiisuu, deeggarsa barbaachisaa ta’e akka kennu garee hojii addaa hundeessee akkasumas hanga dhiibbaa jal'aa karoorri farra tarsiimoo kun hir'ifamutti tarrisa maqaa Qondaalota WBO diinni of-harkaa qabu kan W.Q.O. nuuf mirkaneesse yeroof daangaa seerota dhorkaa /nageemyaa isanii mirkanaahaa keessa turan /ta'an fi hojii hordofanii tohatan murtaahe;

WBO garee kana ifatti hin taanee qindeessuun isaa dhimma jiraachuu qondaalota WBO, dhimma imaanaa wareegamaa, dhimma qajeelummaa qajeeltoo Orommummaan akeekuu dha.

 

 

Yeron dirqama idilee addaa kun haala rakkisaa fi walaxaxaa keessatti qindeeffamee raawwatame;

Sochiin gartuulee keessoo WBO idilee fakkaattu, maadhe WBO fakkaatuu /basaastota waliigalaa dhiibbaa sadarakaa yaaddessaa irraa hir'isuuf ergamni idilee addaa Adamsuu, qolachuu, bittinneessuu fi to`aachuu hanga bara 2021 ji`a 6ffaatti itti fufe.

Guutummaa guututti tahuu baatullee sadarakaa nageenya qondaalota WBOf yeeddessu irra hir'isuun dandahmeera. Akkasumas koonyaalee Oromiyaa jiran keessaa WBO idilee fakkaatuu fi seelii ishee qolchuunii fi tohachuun mirkanaheera.

Gocha Shororkeessummaa Madda TPLFtti garee jijjirama ofiin jedhanii fi qaamota qindoominaa /tumsa isaaniif alarraa dhufanii Raawwatamu Ittisuun hojjatame.

Bara 2021 gara xumuraa hojiin gurmaa'insa quunnamtii qondaalota qajeeltoo seera dhorkaa ture gara qajeeltoo iimaammata WBOtti gurmaeessuun eegalme. Sadarakaa koonyaatti ajaja Gartuu fi ajaja Birgeedii, Buttaa akkaataa barbaachisummaa isaanii walitti hidhuu fi akka quba walqabaatan godhamee mirkanahee itti fufe. Jalqaba bara 2022 gara ajojooti bakka garaagaraa Koonyaa koonyaa jiran adeemsii sadarakaa gadiitti raawatame mirkanaahe; caasaa WBO dirqama idilee addaa qabu koonyaatti gurmahanii jiran mirkanahee raawatame.

Walakkeessaa 2022 WBO Dirqama lama walfaana raawwataa ture. haftee humnoota murni maafiyaa qindeessee hafanii fi seelii isaanii sadakaa koonyaatti guutummaa guutuutti barbadeeffamee hojiin ala tahuu fi Gurmaa'insa caasaa WBO koonyaa koonyaatti qindeessuu fi gaafatamtoota kaadhimanii mirkaneessuu raawwatamee hanga xumura 2022 itti hojjetame.

Jalqaba bara 2023 dirqama idilee addaa gurmaa'insa caasaa sadarakaa koonyaaleetti qindeeffamnii fi qondaalota ol-aanaa damee WBO kan daangaa seera dhorkaa keessa turan gurmaa’insa koonyaa walquunnamee haalota waliigalaa ibsuu fi lubbuun akka jiran miseesota WBO idileef mirkaneessuu /quba qabaachisuutu raawwatame milkaahee dirqamni kun/sagantaan kun Waraana Bilisummaa Oromoo waalteessu mirkaneessuu jedhamee moggaafamedha.

Waalteessuu cinaatti qondaalonni ol-aanoo damee WBO dhimma itti fufiinsaa WBO walqabatu kan Itti waamama / hojii isaatiif itti gaafatama ifatti kan kana fakkaatan irratti qondaalota sadarakaa garagaraa bulchiinsaa , giddu galeessaa fi qondaala/ajaja kallattii hirmachiisuun marihatamu saganteessee hoojiirra oolche.

Itti baha marii kana akkaataa itti gaafatamummaa, itti waamama furmaata Gurmaa'insa / Caasaa Ifattii maqaa Jaarmiyaa Sadarakaa daangaa Aangoo fi gehee hojii isaa Jaarmiyaa ergama DHIMMOOTA SIVIILII FI WARAANAA QABU MURTEESSE;

Sochiin dirqama idilee addaa gurmaa'insa, hojii fi humna Imaammata waliigalaa quba qabaannaa qaamota seera dhorkaan hubatame hojiitti hiikuun karoorsuu, qindeessuu fi kan kana fakkaatan hojii walitti fufiinsa baatii sadii hanga ADOOLESSA TTI HOJJETAME RAAWWATE.

bottom of page