Mula'ata/Ergama | Jaarmiyaa WBOW
top of page

Jaarmiyaa-WBO/OLA

Ibsa Hojii waliigalaa miidiyaa elektriooniksii Jaarmiyaa waraana 
Bilisummaa Oromoo Waliigalaa

            Hojii waliigalaa

  • Kutaa Hariiroo fi quunnamtii hawaasaatti dameen miidiyaa elektirooniksii karaa mala ergaa dadabarsuu dijitaalaa interneetiitiin dhimmoota hooggansi sadarkaa hooggansa Olaanaatti akka ifoomu/dabarfamu murteessan ogummaa hojii miidiyaan qindeessee karaa marsariitii EBO Jaarmiyaa WBO Waliigalaa fi fuula sabaquunnamtii hawaasaatiin gabaasuu,

  •  Ergaa karaa miidiyaa dijitaaliin Jaarmiyaa WBO Waliigalaaf ergaman qindeessee hoogganaa hariiroo waliigalaatiif dhiheessuu,

  • Waa'ee WBO afaanota garagaraatiin akkaataa barbaachisummaa isaatti Afaan Oromoo irraa gara afaan barbaadameetti hiikee qaqqabsiisuu, gaazexaa dijitaalii torbanii, ji`aa qopheessee maxansuu fa'a.

Ergama/Mission

Mula'ata/Vision

Hojiiwwan fi caasaalee Idilee Ifatti mirkneeffame Arguu dha.

      Jaarmiyaa WBO waliigalaa -ifatti /Officially Mission

  • Ifatti (oficially ) Gurmaa'insa caasaalee,hojiiwwan fi itti gaafatamummaa keessoo fi alaa sadarkaa Olaanaa, giddu galeessaa fi sadarkaa tokkoffaatti diriirsee mirkaneessu;

  • Ajajaa Waraana Bilisummaa Oromoo fi Ajajaa humna Addaa Waraana Bilisummaa Oromo ( Jajjabee) Ajajoota Koonyaalee idilee ifatti mirkaneessuu;

  • Sadarkaa jaarmiyaatti gita hojii Dhimmoota Gorsaa seeraa fi abukaattoo dhimma  Alaa -waadaa idil -adunyaa,Keessoo RFDE,  Bulchiinsa Biyyoolessaa Naannoo Oromiyaa;  Ogeessa Siyaasaa, Ogeessa dippilomaasii fi gorsitoota tajaajila akkaataa qabiinsaa mirgoota qaamota garaagaraa hojjetan mirkaneessuu; Qindeessaa hojimaata siviilii mirkaneessuu , Arraata Miidiyaa elektiroonksii marsariitii Interneetaa, sabquunnamtii hawaasaa,  mala tv suur-saglee dijitaalii mirkaneessuu;

  • Sadrkaa olaanaatti qaamotni dhimmi ilaallatu jaarmiyaa WBOf yaada idilee fi alidilee ittiin dabarsatan kutaa sa'aatii 24 walitti fufinsaan qindeessu mirkaneessuu ;

  • Hogganaa fi qindeessaa qindiimina sivilii qaamota dhimmi ilaallatuu fi qaamota waadaa adunyaa fi keessoo nageenya hoojjetoota dhaabbilee mirgoota namoomaa , deggersa raabsanii fi gaazexeessitootaa qindeessee raawatuu akkasumaas booji`amtoota Ergama bulchiinsa Itiyoophiyaanotaa miseensota waraanaa fi miseensotaa basaasaa (sivil fakkaataa) idilee fi alidilee ilaalu mirkaneessuu;

  • Giti hojii ergaa alidilee qaamota dhimmi ilaallatuu fi hawaasa irraa ergaman qindeessee qaamota qindoominaa sadrakaa jaarmiyaa fi sadarkaa giddu galeessaatti dabarsee raawachuu;

  • Mirga caasaa dubbi himaa waliigalaa Sadarkaa Olaanaa, jiddugaleessaa fi sadrkaa 1ffaatti mirkaneessuu,

  • Jaarmiyaalee (siviil)  fi dhaabbilee miti-mootummaa itti waamamni isaanii mooraa qabsootiif tahan WBO- Oromoo jidduutti qindoomina mirkaneessuu;

                 Ejeensii Burqaa Oduu Jaarmiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo Waliigalaa(EBO-JWBOW)
                                  General Organazation of the  Oromoo Liberation Army  (GOOLA)
bottom of page